Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muddamni Hidha Laga Abbayyaa Ilaalchisee Jiru Hammaate: Internaashinaal Kraaysis Gruup


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Gareen rakkoo walitti bu’iinsa biyyootaa qoratu kan ” International Crisis Group” jedhamu dhimmi hidha laga Abbayyaa ilaalchisuun marsariitii irratti ibsa kenneen mariin dhiyeenya Itiyoophiyaa, sudaanii fi Masrii gidduutti geggeessamaa ture akkasumas attamiin walii galtee irra akka ga’amu yaada dhiyaate maxxansee jira.

Garee kanaaf xiinxalaa gameessa dhimmi Itiyoophiyaa William davison fi daayiriktera projektii Afriikaa Kaabaa Rikaardoo Fabianii kaleessa Naayiroobii keessatti sabaa himaaf ibsa kennan. Torban tokko dura qaamolii kana gidduutti dhimmootii ijoo irratti adda addummaa jiru furuuf mariin geggeessame keessumaa Itiyoophiyaa fi Masrii gidduu muddamni ture fooya’ina argamsiisuu isaa gariin kun tuqee jira.

Haa ta’u malee mariin geggeessamaa ture falmii qaamota lamaan gidduu jiru hin furin hafe. Xiinxaltoonni akka jedhanitti amma muddammi jiru ol ka’aa adeeme.

Yeroon kun yeroo itti Itiyoophiyaan hidha Abbayyaa torbanneen hanga tokko booda bishaaniin guutuu barbaadaa jirtu waan ta’eef mariin baay’ee barbaachisaa dha. Masrii fi Sudaan karoora Itiyoophiyaan qabdu mormanii jiran. Itiyoophiyaan immoo wixinee hongee hanqisuu jedhu kan waggoota tooftaa waggoota hedduuf ture Itiyoophiyaan fudhatama dhabsiistee jirti.

XS
SM
MD
LG