Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhimma Hidha Laga Abbayyaa Irratti Ibsa Gumiin Gurraachota Mana Maree Ameerikaa Baase


Gumiin gurraachota mana maree Yunaayitid Isteetis Keessaa kan ‘Black Caucus’ jedhamu hidha laga Abbayyaa guddicha kan Itiyoopiyaa ilaalchisuun ibsa baaseen qaamni martinuu fayyadamaa akka ta’uuf walii galtee irra akka ga’amu gargaaruuf qoophee ta’uu isaa beeksise.

Manni maree kun ejjennaa isaa kana kan beeksise Kibxata kaleessaa waxabajjii 23 bara 2020 ykn akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti waxabajjii 12 bara 2012 galgala yoo ta’u mariin sun fuula duratti tarkaanfachuu dadhabuu isaa fi sababaa hidha laga Abbayyaan kan ka’e itiyoophiyaa Masrii fi Sudaan irraan bifa dhiibbaa geessisuun muddamni jiru hammaataa adeemu isaa ilaalchisuu dhaani.

Dhimma Hidha Laga Abbayyaa Irratti Ibsa Gumiin Gurraachota Mana Maree Ameerikaa Baase
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:57 0:00


Ijaarsa hidha laga Abbayyaa ilaalchisee qaamonni fayyadamtoota ta’an martinuu walii galtee addaan hin cinnee fi marii araaraan akka itti fufuan gumiin miseensota gurraachota manni maree kan ‘black Caucus’ jedhamu kan jajjabeessu ta’uu ibsichi beeksiseera.

Manni maree kun itti dabaluu dhaan mareewwan sun fayyadama gamtaa, yaada gaarii fi seerawwan sadarkaa addunyaa irrati kan hundaa’an akka ta’an illee yaadachiisee jira.

Dhagaan bu’uuraa hidha laga abbayyaa doolaarri biliyoonaan laka’amu irratti ba’ee ijaaramaa jiru kan kan kaa’ame bara 2003 akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti ta’uu kan yaadachiise ibsi gumii gurraachota mana maree US kun humna ibsaa megawaatii kuma ja’a maddisiisuu kan kan danda’uu fi Itiyoophiyaan biyyoota hollaa ishee jiraniif humna ibsaa dhiyeessuu kan ishee dandeessisuu fi Afriikaa keessaa hidha bishaanii isa guddicha ta’uu dhaan naannoo sanaaf dhiibbaa gaarii kan qabaatu ta’uu ibsi sun tuqeea.

Projektiin laga Abbayyaa dhangala’uu bishaanii, dhiyeessii humna ibsaa fi wabii nyaataa Itiyoophiyaa, Sudaanii fi Masrii irratti kallattiin dhiibbaa kan kaa’u ta’uu ibsichi yaadachiisee, qonnaan naannoo jiru hongee rooba yeroo isaa hin eeggannee fiduun miidhamuu isaa illee yaadachiiseera.

Itti aansuu dhaanis baay’ina lakkoobsa uummata Masrii hatatattamaan guddataa adeemee gara miliyoona 100tti dhiyaataa dhufeef hidhi laga Abbayyaa guddichi dhiyeessii bishaanii kan fooyyessuu fi biyyattiin bishaan ishee irra hedduu kan irraa argattu laga Abbayyaa irraas dhiibbaa jiru kan salphisu ta’uu tuqee jira.

Itiyoophiyaan yeroo ammaa uummata ishee dhibba irraa harka digdama kan ta’u kallattiin hongee miidhu, baatilee dhiyoo as immoo sanyii midhaanii karee km 320,000 irra qotame hoomaan Awwaannisaa mancaasuu ibsi mana maree gurraachota Ameerikaa kun beeksisee jira.

Sudaaniin gama ilaaleen hidhi laga Abbayyaa fayyadama bishaan ishee sirressuu, tuullaa biyyoo bishaan haxaa’ee deemu gad hir’isuu fi projektiiwwan qonnaa babal’isuu fi humna ibsaa ishee madisiisuu dabaluu akkasumas midhaan nyaataa irratti to’annoo qabdu dabaluuf akka gargaaru ibsee jira.

Projektiin hidha laga Abbayyaa biyyota dhimmi kana keessaa qabaniif bu’aa kan qabu, rakkoo wabii nyaataa kan hanqisu, dhiyeessii humna ibsaa ilaalchisee rakkoo jiru kan salphisuu fi uummati lakkoobsi isaa kan amaa irra baay’atu bishaan ga’aa akka argatu, dinagdee naannoo akka fooya’uuf guddinni akka jiraatu gochuuf gargaara jedha ibsichi.

Projektiin hidha laga kanaa hojii irra akka oolu gochuuf mariin nageenyaa akka geggeessamu gumiin gurraachota mana maree US keessaa deggersa kan godhu ta’uu ibsi kun beeksisee, walii galtee qaammi hundumtu fayyadamaa ta’u irra gama nagana akka irra ga’amu gochuuf gamtaa Afriikaaf qaamotii kana irratti hirmaatan mara deggeruuf qophee ta’uu beeksisee jira.

XS
SM
MD
LG