Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoon Tigraay Filannoo Ofii Isaa Ni Geggeessa: Obbo Geetaachoo Redaa


obbo Geetaachoo Redaa
obbo Geetaachoo Redaa

Manni maree naannoo Tigraay akka murtii irra ga’een filannoo naannoo yeroo qabameefitti kan geggeessu ta’uu paartiin adda bilisummaa uummata Tigraay beeksisee jira.

Miseensa koree hoji raawwachiiftuu IWEHAT kan ta’an obbo Geetaachoo Redaa akka jedhanitti paartiin isaanii murtii booriin filannoo Itiyoophiyaa dabarse kan hin fudhanne ta’uu isaa fi filannoo sana akka geggeessu tuqanii mootummaa federaalaa gama ilaaleen Fulabaana 30 booda mootummaan federaalaa jira jennee waan hin amanneef itti fufuun kan ilaallu ta’a jedhan.

Boordiin filannoo Itiyoophiyaa ibsa baaseen manni maree naannoo Tigraay naannoo isaa keessatti filannoo marsaa ja’affaa geggeessuuf murtii kennuus haa ta’u boordiin filannoo murtii isaa kana fudhatee raawwachiisuu qaba kan jedhu bu’uura seeraa kan hin qabaanne ta’uu beeksisee jira.

Naannoon Tigraay Filannoo Ofii Isaa Ni Geggeessa: Obbo Geetaachoo Redaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:03 0:00


XS
SM
MD
LG