Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waa'ee Hidha Abbayyaa Dibbee Wal-waraansaa Reebuu Irra Marii Tu Hundaaf Furmaata: Dr.Asfaaw Bayyanaa


Dr Asfaaw Bayanaa
Dr Asfaaw Bayanaa

Itiyoophiyaa fi Masriin bishaan laga Abbayyaa kan ilaaleen yeroo adda addaatti marii gaggeessuu kan itti fuufan ta'uus walii galtee xumuraa irra hin ga'iin jiru.

Waliigalteen waggoota dheeraa dura biyyoota adda addaa giddutti tolfamanii turan biyyoota bishaan laga Abbayyaan gargaaraman mara kan of keessaa qabu hin turre.

Bara 2015 keessa Itiyoophiyaa fi Masriin waliigalteen tolfatan immoo qabxilee hanga har'atti falmisiisoo ta'an of keessaa qaba.

Itiyoophiyaan hidhaa laga Abbayyaa bishaan guutuuf qophaa'uu ishee beeksiiftee jirti.

Masriin immo kun taanaan kutaa sana keessatti sodaa nageenyaa guddaan uumamuu mala jechuun gola naga eegumsaa beeksiiftee jirti.

Sudaan immoo walii galtee tokko irra ituu hin ga'iin Itiyoophiyaan bishaan guutuu jalqabuun akkaan yaaddeessaa dha jechuun har'a jechuun Waxabajjii 25 bara 2020 gola naga eegumsaaf xalayaa erguu ishee gaazexaan Masrii Al-Ahram gabaasee jira.

Qabxiin falmii inni biraan Hidhi Abbayyaa kana bishaaniin guutuuf yeroo hagamii fudhachuu qaba? ka jedhu.

Itiyoophiyaan aritiin yoo bishaan guuttee Masrii irraa bishaan hanqachuuf jira.

Yoo Itiyoophiyaan yeroo dheeraa fudhattee guuttee immoo

Masriin bishaan ni argattii garu Itiyoophiyaan humna eleektrikaa ga'a maddisisuu hin dandeessu.Kanaaf dhimmi kun hundee wal falmii ta'e.

San Diyegoo Istete Yunivarsitii keessatti Profeesara barnoota Ingineeriing kan ta'an Dr Asfaaw Bayanaa walii galtee yeroo dheeraa dura tolfamanii fi kan dhiyeenya akkasumas falmii deemaa jiru irratti ibsa nu kennanii jiru.

Caqasaa

Waa'ee Hidha Abbayyaa Dibbee Wal-waraansaa Reebuu Irra Marii Tu Hundaaf Furmaata: Dr.Asfaaw Bayyanaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:18:10 0:00


XS
SM
MD
LG