Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bishaan Dhugaatii Barbaada Guyyaatti Haga KM 15 Yaana:Jiraattota Godina Booranaa


Faayilii - Daa'ima boombaa bishanii banu, Finfinnee
Faayilii - Daa'ima boombaa bishanii banu, Finfinnee

Hujii caasaa bishaan Booranaa Borana Water Netwrok jedhanii waggaa 10 caalaan jalqaban haga ammaallee hin dhumannee Boorannnii keessattuu warrii aanaalee gammoojjii ammas bisaan barbaada haga km 15 yaana jedha.

Aanotii gammoojjii godina Booranaa; Guchii, Dhaas, Waacillee, Mooyyalee fi kaan hedduun hanqina bishaan dhugaatii himatan keessaa hanga tokko.

Bishaan Dhugaatii Barbaada Guyyaatti Haga KM 15 Yaana: Jiraattota Godina Booranaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:09 0:00

Barsiisaa Boruu Diimaa Booranaa Aanaa Guchiti jiraata.Jiraattonni Aanaa Guchii bisaan dhugaatii arguuf deemsa kiilomeetira 15 adeemuu jedhe.

Warri bisaan waraabbatus KM 15 baatanii deemun waan rakkisuuf harreen waraabbatu jedha.

“Yoo waaq nuu roobe qulqulluu ta’uu baatullee bisaan bokkaa dhugna; inni nurraa caamnaan ammo eela naannoo ka horiin bobbaan balleessite dhugnaa,”jedhe, Boruun.

Obboo Fayisaa Teshoomee jiraataa aanaa Mi’ooti.Jiraattonnii magaalaa Mi’oo eela dhaabbileen tola ooltotaa qotan magaalaan irraa haga kilo meetira 5 deemnee harreetiin waraabbann jedha.

Warri harree hin qabne, ykn harree takka birrii 40 kireeffatee bishaan kana dhaqee waraabbata.Sun tahu baannaan bishaan jaarkaanii liitira 20 qabatu tokko birrii 10n bitee fayyadama jedhu.

Obbo Fayyisaan aanotiin ollaa jiran ka gammoojjummaan itti cimu rakkoo bisaan dhugaatii jabaa keessa jiru, bulchiinsi jirus waan kana furuuf yoo carraaqu hin’garru jedhu.

Rakkoon bisaanii Boorana gama hedduun miidhe.Keessumaa godinicha godina qilleensa gammoojjii qabu waan ta’eef warra horii horsiisee bulurrattis dhiibbaa fiduu hin hafne.

Dookter Qaasim Galgaloo hoogganaa qabeenya Beeyladaa Godina Booranaati. Bishaan dhabamuun horsiisa beeyladaa godinichaa akka miidhu, walitti bu’iinsaafis ka’umsa akka ta’u VOAti himan.

Dookter Qaasim “Yoo namu waan dhugu hin qabne ka horii immoo hagam akka rakkoo ta’e tilmaamuun salpha,”jedha.

Rakkoo kana furuuf waajjira qabeenya bishaani fi Inerjii Godina Booranaa waliin hojjetaa jiraachuus eeranii jiran.

Aabba Waaqo Liiban hoogganaa waajjira qabeenya misooma bishaani fi inerjii Godina Booranaati. Rakkoon bishaan dhugaatii ka Godina Booranaa dhuguma akka jiru dubbatan.

Rakkoo kana furuuf waajjirri qabeenya misooma bisaanii fi inerjii Booranaa karaa sadiin hujiitti jiraa jedha.

1.Mootummaa naannoo waliin pirojektii bishaan dhugaatii baasuu

2:Porojeektii sadarkaa godinaa

3.Gargaarsa dhaabbilee namoomaa waliin hojjachuu.

XS
SM
MD
LG