Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godinaa Shawaa Kaabaatti Nam tokko Ajjeesamuu fi Manni Nama Ka Biraa Gubamuu Himatu, Maatiiwwan Keessaa


Faayilii - Baadiyyaa Salaalee, Shawaa Kaabaa, Oromiyaa
Faayilii - Baadiyyaa Salaalee, Shawaa Kaabaa, Oromiyaa

Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Darraa magaalaa Gundamasqalitti torban tokko dura humnootni Naga-Eegumsaa Mootummaa “nama tokko ajjeesan,” jechuun himatan, maatii keessaa. Itti gaafatamaan Poolisii magaalaa Gundamasqal, dhimmi ajjeechaa jedhame kanaa qoratamaa jira, jedhu.

Gama biraan, Godinuma Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam, ganda Alii Dooroo jedhamuun beekamu keessatti, humnootni naga-eegumsa mootummaa mana jireenyaa qonnaan bulaa tokkoo guban jechuun maatii keessaa dubbatanii jiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Poolisii Godina Shawaa Kaabaa Komaandar Taarikuu Dirbabaa, Poolisii mana namaa gubus tahe, nama nagaa ajjeesu hin qabnu, kun shira Shaneeti” jedhan.

Godinaa Shawaa Kaabaatti Nam tokko Ajjeesamuu fi Manni Nama Ka Biraa Gubamuu Himatu, Maatiiwwan Keessaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:45 0:00


XS
SM
MD
LG