Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obbolummaa Uummataa Diiguuf Yaalamaa Jira: Bulchaa Godina Gaamoo


Bulchiinsa naannoo uummattoota Itiyoophiyaa gama kibbaa keessatti humnootiin siyaasaa jiran obbolummaa uummataa amma jiruun faallaa hojjataa jiru jechuun bulchaan godina Gaamoo Obbo Birhaanuu Zawdee dubbatanii jiru.

Mootummaan Federaalaa bulchiinsa Itiyoophiyaa gama kibbaa bakka afuriitti gurmeessuuf yaada dhiyeesse irratti ibsii godiinoota ollaa irraa kennamaa jiru kan nama kakaasuu fi waan gargaaru kan hin qabne jedhan.

Xinxaltonni akka jedhanti Sidaamaan akka of bulchuuf ehamuun gama kibbaa keessatti warra kaaniif karaa saaqe.

Godinaaleen 10 kan gama kibbaa keessa jiran bulchiinsa ofii qabaachuuf kan gaafataa jiran ta'uun ibsamee jira.

Gama kaaniin namoonni 100 caalaan sababaa ilaalcha siyaasaa qabaniif jecha godina Gaamoo aanaa Qucaa keessaa hidhamuu paartiin Demokraatawaa Qucaa beeksisee jira.

Uummanni Qucaa godiina Omoo aanaa tokko keessa qofa kan jiraatan yoo ta'u ofiin of bulchuuf gaafataa jiru.

Yaadawwan Ilaali (4)

XS
SM
MD
LG