Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mormii Ka'eef Angawoonni Itiyoophiyaa Deebii Kennuu Qabu, Jedha Hiyuumaan Raayitis Waach


Ajjeefamuu weellisaa Oromoo beekamaa Haacaaluu Hundeessaa wajjiin wal qabatee Finfinnee fi magaaloota adda addaa kanneen biroo keessatti mormii ka'eef aangawoonni Itiyoophiyaa deebii kennuu qaban jechuun gareen mirga dhala namaa Hiwumaan Raaytis Waach gaafatee jira.

Humnootiin nageenyaa haala uumame kana akka hin hammeessineef gochuuf tarkaanfiin hatattamaa barbaachisan akka fudhataman kan gaafate gareen mirga dhala namaaf falmu kun akka yeroo darban keessa ta'aa ture sana humnootiin nageenyaa humna guddaa hin gargaaramne akkasumas seeraan ala akka hiriirtoota dabalatee kanneen biroos hin hiine jedhee jira.

Angawoonni Itiyoophiyaa kan akkaan barbaachisaa ta'e odeeffannoo ifaa fi sirrii ta'e yeroo isaa eeggatee uummataaf dhiheessuun akka irra jiru, kunis akkaataa Artiist Haacaaluu Hundeessaa itti ajjeefame kan ilaaleen qorannaa gaggeeffame dabalachuu akka qabu hubachisee jira.

Uummanni karaa nagaan gaddaa fi quuqqaa isaa ibsachuu akka danda'u mirkaneessuun barbaachisaa ta'uu gareen mirga dhala namaaf falmu kun hubachisee jira.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Mormii Ka'eef Angawoonni Itiyoophiyaa Deebii Kennuu Qabu, Jedha Hiyuumaan Raayitis Waach
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:28 0:00


XS
SM
MD
LG