Xurree ittiin seenan

Breaking News

Artiistii Oromoo Beekkamaa Haacaaluu Hundeessan Finfinnee Keessatti Ajjeefame


Artiist Haacaaluu Hundeessaa
Artiist Haacaaluu Hundeessaa

Weellisaa beekamaan sirboota Afaan Oromoo, Haacaaluu Hundessaa Waxabajjii 22 bara 2012 akka lakkofsaa Itoophiyaatti galgala keessaa tilmaamaan sa'aatii 3:30tti Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Aqaaqii qaallitti Bakka addaa Kondominyeemii Galaan jedhamutti konkolaataa isaa keessatti rasaasaan rukutamee akka argame ibsame.

Haacaaluun kan rukutame rasaasaan ta'uun komishiiniin poolisii Finfinnee komishinar Geetuu Argaawu sabaa himaa biyya keessaatiif ibsaniiru.

Yeroo ammaas namoonni ajjeechaa Haacaaluu waliin shakkaman poolisii Finfinneetiin to'atamaniiru jechuun qorannoo taasisamaa jira jedhan.

Namoonni naannoo ajjeechaa Haacaaluu dhagahan bakka reenfii isaa jiru naannawaa laabuutti kan argamu Hospitaala 'Star' jedhamu deeman akka oddeeffannoo nuuf kennanitti Haacaaluun laphee isaa irraa rukutamee hospiitaala qaqqabee osoo hin turiin lubbuun isaa darbuu himan.

Booda reenfi isaa qorannoof gara hospitaala Phaawuloositti geeffameera jedhame.

Muummeen ministiira Itoophiyaa Abiyi Ahamad du'aan boqochuu Aartist Haacaaluu Hundeessaa gadda isaanitti dhaga'ame karaa toora Facebook isaanii ibsaniiru .

"Ummattoota biyya keenyaa hundaaf,
Lubbuu qaalii ta'e dhabneerra. Edda lubbuun aartiistii dargaggeessa dinqii Haacaaluu Hundeessaa darbuu dhageenyee warra gadda guddaa keessa jirru hundaaf jajjabinan hawwa. Gabaasa qorannoo poolisii guutuu gocha badaa kanaa eegaa jirra. Hanga gocha kana hubachuudhaan sochiiwwan biyya keenya keessatti raawwatamaniif yeroo itti xiyyeeffannoo kenninee hordofnu irra jirra. Gadda keenya ofeeggannoofi yakka dabalataa ittisuudhaan haa ibsinu."

XS
SM
MD
LG