Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoopiyaan Qooda Gamtaan Afriikaa Marii Dhimma Abbayaa Keessaa Qabu Simattee Jirti


Faayilii - Prezidaantii Afriikaa Kibbaa Cyril Ramaphoosaan

Mariin marsaa duraa prezidaantii Afriikaa kibbaa Cyril Ramaphoosaan kan

hoogganame yoo ta’u kunis jarmiyichi ardittii , jaarsummaan jidduu seenuuf bakka bu’iinsa sirnaa fudhachuu mul’isa jechuu dhaan dubbi himaan waajjira muummicha minsteeraa Nigusuu Xilaahuun VOAf ibsaniiru. Hoogganni gamtaa Afriikaa marii waa’ee hidha laga Abbayyaa keessaa dhabamuun mata duree marii ta’ee ture.

Baatii Amajjii keessa muummichi ministeeraa Abiy Ahimed prezidaantiiin Afriikaa Kibbaa Cyril Ramaphoosaa dhimmi projektii hidha Abbayyaa ilaalchisee marii jiru jaarsummaan akka gargaaraniif gaafatanii jiran.

Sambata darb ministeera dhimmi bishaanii fi enerjii kan ta’an Sileshii Beqqele VOAf akka ibsanitti Itiyoophiyaan torban lama keessatti hidha Abbayyaa bishaaniin guutuu ni jalqabdi jedhan.

Eskinder Frew waliiin gaaffii fi deebii geggeessaniin ministeerichi hanga Masrii, Sudaanii fi Itiyoophiyaa gidduutti irra ga’amutti hidha sana bishaaniin guutuun yeroo biraatti akka darbuuf walii galteen irra ga’ame gabaasi jedhu soba jedhan. Kana irratti oduu dhaa booda gabaasa qabna.

Yaadawwan Ilaali (1)

XS
SM
MD
LG