Xurree ittiin seenan

Breaking News

Harrootni Itiyoophiyaa Seeraan Ala Keeniyaatti Gurgurmu


Faayilii - Harree Fe'iisa baattee deemaa jirtu
Faayilii - Harree Fe'iisa baattee deemaa jirtu

Angawootni Godina Booranaa akkasumas ka aanotii daangaarra ka dhimmi gurgurtaa harree ka seeraan ala raawwatamuu isaan ilaallaatu akka jedhanutti, harroota kana naannolee Itiyoophiyaa garagaraa keessaa oofanii fidanii godina kana qaxxaamursanii gara Keeniyaa ka ceesisan daldaltoota seeraan alaati.

Kanaafis aanotiin Godina Booranaa daangaarra jiran filatamoo ta’uu himanii keessumaa daldaltoonni kunini aanaa mi’oo Keessaan gara Soloolotti harree kana ooffatanii gabaa Keeniyaa keessatti gurguratuu jedhan.

Harrootni Itiyoophiyaa Seeraan Ala Keeniyaatti Gurgurmu
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:07 0:00

Obbo Boruu Didaa hoogganaa waajjira qabeenya Beeyladaa Aanaa mi’ooti, yoo woon daldala harree seeraan alaa Aanaa Mi’oo kana yoo dubbatan duraan warri harree daldalu kun naannolee Itiyoophiyaatii fidanii aanaa Mi’oo keessaan karaa Soloolotti dabrsuu jedhan.

Obbo Boruu yoo harroonni kun Mi’oo gahan akka dhukkuba horii kaanitti hin dabarsineef adda fooyaa turree jedhan

Obbo Moluu Culuqqee; Itti gaafatamaa Waajjira galii Ka Aanaa Mi’ooti/ Daldalli harree kanaan dura aanaa san keessatti raawwatamaa akka ture mirkaneessan. Duraan gaafa dhufan guyyaatti harrootni gara 300 Mi’oorraan gara Keeniyaatti qaxxaamuraa akka turan eeran.

Obbo Moluun dhibeen Kooronaa kun erga mullatee as daldalli kun akka durii deemaa akka hin jirre ifoomsanii, warri harree fayyaa Itiyoophiyaatii keeniyaatti daldalu kun garuu gabaa qalmaa ka Keeniyaatti akka dhiyeessu odeeffannoo qabnaa jedhu.

Waanum daldala harree karaa Aanaa Mi’oon darbee Soloolotti raawwatamu kanaa Obbo Alii Bole; Itti gaafatamaa waajjira daldalaa ka Godina Booranaa gaaffeen ture. Waan kana dhaabsisuuf itti jirraa jedhu.

Silaa daldala kana to’achuu male Eejensii Misooma Gabayaa Oromiyaati. Godina Booranaatti hoogganaan waajjira dame eejensii kanaa obbo Huseen Guyyoo daldala kana quba akka qaban dubbatanii, koree daldala seeraan alaa kana lamuu akka hin kaane dhorku fi hordofu dhaabnee jirra jedhan Sagalee Ameerikaaf.

Obbo Huseen koreen hundaaye waajjira daldalaa, bulchiinsa aanaa, qaamolee nageenyaa fi Gumruukii ka of keessatti haammateedha jedha dabalanii yoo ibsan.

Harroonni Itiyoophiyaa Keeniyaatti gurguraman gabaa qalma harree Keeniyaa jiruuf dhiyeeffamuu jedhama. Mootummaan Keeniyaa Gurraandhala darbe lakkoofsi harroota biyyattii keessa jiranii waan gadi bu’eef qalma harree biyyattii keessatti gaggeeffamaa ture ka dhorke yoo tahu, torbee darbe kana kibxata Eebla 22 bara 2020 manni murtii Olaanaa Keeniyaa garuu murtee mootummaan dabarse kana kuffisee jira. Kanaanis qeeraawwan harree afur ka Keeniyaa keessatti argaman hojii isaanii itti fufuuf mirga akka qaban raggaasise.

XS
SM
MD
LG