Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kutaaleen Ameerikaa Filannoo Marsaa Duraa Kan Bakka Bu'ootaf Sagalee Kennaa Oolan


Kutaalee Yunaayitid Isteetis sadii keessaa uummati sagalee kennu dimokratotaa fi ripaablikaanota kanneen filannoo Sadaasa dhufuun barcuma senetii irra jireessa argachuuf dorgomaniif kaadhimamaa filachuuf har’a sagalee kennanii jiran. Filanoo ripaablikaanotaa Alabaamaa keessatti geggeessameen abbaa alangaa muummicha Yunaayitid Isteetes duraanii eff Sessions fi geggeessaa tapha kubbaa miillaa Ameerikaa Yuniversitii Auburn duraanii fi kan prezidaant Doonaal Traamp raggaasisan Tommy Tubervilletu wal dorgomaa jiran. Lamaan keessaa kan injifate Sadaasa keessa demokraaticha Seneter Doug Joonsiin dorgomuuf jira.

Sessions waggoota 20f barcuma qabatanii kan turan yoo ta’u bara 2017 ennaa prezidaant Traamp aangootti dhufanan Mana murtii haqaa hoogganuuf jecha fedha ofiin hojii gad dhiisan.

Ennaa qorannaa Raashiyaan filannoo bara 2016 jidduu seente jedhamett qorannaa geggeessamaa ture keessaa of oolchuun isaanii aarii Traamp tuqatee ture. Tramp Sessions-n qeequu itti fufuu dhaan sambata darbe erga twiteer maxxansaniin nama deggersa nu dhoke jechan.

Sessions gama isaaniin yaada Tramp arrabsoo ijoollee jechuun fudhatama dhabsiisanii Tommy Tuberville nama dandeettii qabu miti jechuu dhaan mormituu isaanii yaadi isaan dhiyeessan kan gorsitoonni barreessanii itti kennanii fi beeksisa TV malee falmii ykn gaaffii dhiyaatuuf nan injifatama sodaa jedhuun dura hin dhaabbannee dha jedhan.

Texas keessaas filannoon duraanii kan dimokraatotaa gadamoojjii kan ta’an Mary Jennings Hegar fi senetera kutaa sanaa Royce West gidduutti geggeessamaa jira. Abbaan injifate ripaablikaanticha seneter John Cornyn waliin dorgoma.

XS
SM
MD
LG