Xurree ittiin seenan

Breaking News

Poolisiin Ariifatee Qorannaa Mirga Haqaa Irratti Hundaa’e Geggeessuu Qaba: Abukaatoo Obbo Baqqalaafaa


Obboo Baqqalaa Garbaa fi Obboo Jawaar Mohaammad

Itti aanaa dura taa’aa KFO obbo Baqqalaa Garbaa fi himatamtoota kanneen biroo irratti ka qindeesse galmee yakkaa xumuruuf poolisiin guyyoonni 14 itti dabalaa akka kennamuuf mana murtii gaafatee jira. VOAn abukaatolee obbo Baqqalaafaa keessaa tokko kan ta’an obbo Kadir Bulloo biraa akka hubatetti abukaatoleen kun gaaffii poolisiin dhiyeesse kana cimsanii mormanii jiru.

Poolisiin bifa ariifataa ta’een mirgi haqni ofii mirkanaa’uu irratti hundaa’ee hatattamaan qorannoo jiru akka xumuru mana murtichaa gaafachuu isaanii obbo kadir ibsaniiru.

Manni murtichaas falmii gam lamaanuu xiinxalee murtii kennuuf Adoolessa 9 bara 2012 beellami ka biroo kennee jira. Obbo Kadir Bullo VOAf akka ibsanitti obbo Baqqalaafaa yeroo dheeraaf haasofsiisuu isaanii fi isaanis haa ta’u akkaataan obbo Jawaar Mohaammad itti qabamanii jiran gaarii ta’uu ibsaniiru jechuu dhaan Meleskachoo Ammahaa kaleessa gabaaseera.

Yaadawwan Ilaali (9)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG