Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qabsa’aa Mirga Namaa Miseensa Mana Maree Ameerikaa Du’aan Boqotan  Joon Lwisiin Bakka Buusuuf  Dorgommiin Geggeessamaa Jira


Hoogganoonni paartii dimokraatotaa Yunaayitid Isteetis kanneen kutaa Joorjaa keessaa kaadhimamaa kan du’aan boqotan miseensa mana maree Joon Lewisn bakka bu’uu dhaan filannoo baatii Sadaasaaf dorgomu filachuuf wal ga’anii jiran.

Dubbi himtuun paartichaa akka jedhanitti dorgommii kanaaf namoota 131tu iyyate.

Koreen filannoos namoota xumura irratti dorgoman sadii hamma shaniitti calalee kan dhiyeessu yoo ta’u miseensonni koree paartichaa beekamoon 44 kaadhimamaa filachuuf jiru. Namni injifate Ripaablikaan kan ta’an Angele Stanton-King waliin dorgoma.

Lewis marsaa 17 miseensummaa mana mareen kan tajaajilan yoo ta’u, bara 2016 mormituu garee ripaablikaanotaan wal dorgomanii sagalee dhibba irraa harka 80 argachuun injifatan.

Qabsaa’aa mirga namaa beekamaa kan lammiiwwan Ameerikaa hidda dhalata Afriikaa kan turan Lewis dhibee kaancerii rejiijiitiin yeroo dheeraaf dhukkubsataa erga turanii booda jimaata darbe umurii isaanii waggaa 80tti du’aan boqotan.

Qabsoo mirga namaa jabanaa kan Ameerikaa bara 1950mootaa fi 60moota keessatti ennaa hirmaatan umuriin isanii waggaa 23 kan ture yoo ta’u hoogganaa qabsoo mirga namaa Dr. Martin Luther King waliin walitti siqeenyaan hojjetaa turan.

XS
SM
MD
LG