Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Naannoo Somaalee Kanneen Afaar Irraa Sababaa Lolaan Buqqa'anii Deeggarsa Godhuu Beeksie


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Mootummaan naannoo Somaalee torban darbe keessa sababaa balaa lolaan uummata kuma 49 ol naannoo Affaar irraa buqa’aniif deggesa gochuu isaa beeksisee jira.

Naannolee ka biroo dursuu dhaan naannoo Affaariif deggesa kan godhe mootummaan naannoo Somaalee ta’uu itti aantuun itti gaafatamtuun waajjira kominikeeshinii naannoo Sanaaaadde Hiboo Ahimed dubbataniiru.

Deggersi kunis hariiroo uummataa fi uummataa cimsa jedhanii kan amanan ta’uu illee ibsanii jidran.

Naannoon Affaarii fi somaalee hanga yeroo dhiyootti walitti bu’iinsa naannoo daangaa irratti uumamuun irra deddebi’ee maqaan isaanii tuqamaa kan ture yoo ta’u gocha farreen nageenyaa ti jedhan aadde Hiboon.

Balaan lolaa kun dhaqqabuu isaa dura naannoon lamaan gufuulee gidduu isaanii buqqisanii gara tokkommaa fi wal ta’iinsaatti dhufuuf adeemsi jalqabame jiraachuu illee aaddii Hiboon ibsanii jiran.

XS
SM
MD
LG