Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hojjetoonni Gargaarsaa Ferensaay Namoota Saddeet Kanneen Niijer Keessatti Ajjeefaman Keessaati 


Hoggantoota dhabbata gargaarsaa ACTED, Faransaayi
Hoggantoota dhabbata gargaarsaa ACTED, Faransaayi

Hojjettoonni gargaarsaa Ferensaay ja’a fi kanneen dhaaba ACTED jedhamu keessa hojjetaniif shofeerri isaanii Dilbata kaleessaa namoota qawwee hidhatanii motorcycle dhaan niger kiba gama dhiyaa keessa soso’aa jiranin ajjeefamuu angawoonni beeksisaniiru.

Hojjettoonni ja’an garee gargaarsa sadarkaa addunyaaf kan hojjetan ta’uu miniteerri ittisaa Niger Issoufou Katambe Rooyitersiif ibsaniiru. Angawoonni duraan namoonni kun tuuristoota jedhanii turan.

Kanneen Niger keessatti ajjeefaman saddeeri keessaa irra hedduu hojjettot dhaaba ACTED jedhamuu ta’uu abukaatoon dhaaba bu’aaf hin hojjennee Jooseef Breehaam ibsaniiru. Haleellaa sanaaf battala itti gaafatama kan fudhate hin jiru.

Prezidaantiin Ferensaay Emmanuel Macron haleellaa lubbuu galaafatae kan hojjettoota gargaarsa namoomaa irratti raawwatame ibsa kaleesssa kennaniin balaaleffataniiru.

Macron gita isaanii kan Nijeer Mhamadou Issoufou waliin kaleessa mari’achuu dhaan gareelee shororkeessotaa naannoo Saaheel keessa maadheffatanitti duuluuf cichaan hojjechuu kan itti fufan ta’uu dubbataniiru.

Prezidaantichi maatiiwwan miidhaan irra ga’eef gadda itti dhaga’ame ibsuu dhaan deggersa illee kan godhan ta’uu ibsanii jiran.

XS
SM
MD
LG