Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jijjiirraa Aangoo Kaabinee Dr. Abiyyi


Mummichi Ministeeera Itiyoophiyaa kabinee ofii keessatti jijjirraa aangoo 11 gochuun beekamee jira.

Kan duraan ministeera ittisa biyyaa turan Obbo Lammaa Magarsaa Dr.Qana'aa Yaadataan bakka kan buufaman yoo ta'u itti aanaa bulchaa magaala Finfinnee kan turan Injiinar Taakkalaa Uumaa amma ministeera Albudaa fi boba'aa ta'uun muudaman.

Aaddee Adaanach Abeebee immoo itti aantuu bulchituu magaala Finfinnee ta'anii jiran.

Dr.Geediyoon Ximootiwoos abba alangaa mummicha ta'uun kan muudaman yoo ta'u kan duraan waajiira mummicha ministeeraatti itti gaafatamaa kutaa preesii turan Obbo Nigusuu Xilaahuun immo Komiishiinara Komishinii hojii uumuutti muudamuu isaanii Mallaskaachoo Ammahaa Finfinnee irraa gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG