Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mummicha Ministeera Lebaanon Duraanii Ajjesuun Kanneen Himatamanii Turan Murtii Argatan


Muummee ministiraa Lebaanoon Saad al-Hariri
Muummee ministiraa Lebaanoon Saad al-Hariri

Bara 2005 keessa mummicha ministeera Lebaanoon duraanii Raafik Hariirii ajjeesuu keessaa harka qabu kan jedhaman namoota 4 keessaa tokko irratti har'a balleessaan muramee jira.

Manni murtii Tokkummaan mootummotaa Lebaanoniif dhaabe har'a jarreen sadii himatii irratti dhiyaate akka addaan cituu murtii kennee jira.

Shakkamaan Saaliim Jaamiil jedhamu himata irratti dhiyaate hundaaf balleessaan kan irratti muramee yoo ta'u kunis gocha shoroorkaa rawwachuuf shiree dhukaatoota gargaaramuun mummicha ministeera Lebaanon duraanii akkasumas namoota iddoo balaan dhaqqabe sana turan 21 galaafate kan jedhu keessatti argama.

Shakkamtonni Arfanuu lafa hin jirreetti murtiin kun kenname.

XS
SM
MD
LG