Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mariin Hidha Laga Abbayaa Addan Citee Ture Itti Fufuufi


Itiyoophiyaa, Masrii fi Sudaan, kan addaan ciree ture marii waa’ee hidha laga Abbayaa irratti geggeessan deebisanii itti fufuuf kaleessa walii-galanii jiran. Mariin kun boor irraa jalqabaa hanga Jimaataatti akka itti fufu karoorfamuu isaa, dubbi-himaan ministirii dhimma-alaa Itiyoophiyaa – Ambaasaddar Diinaa Muftii Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran.

“Mariin kaleessa waaree booda geggeessame, kan ministaroota dhimma alaa fi ministaroota bishaanii biyyoota sadeenii, karaa ministara dhimma alaa Afrikaa Kibbaa wal-quunnamuudhaan dubbatani. Dubbiin ijoon kaleessa irratti dubbatame marii biyyoota sadeenii ammaan dura citee ture deebisanii akka itti fufu taasisuutti ka fuuleffate ture. Kana irratti waliigalanii jiru kaleessa jechuu dha. Mariin sun bakka ammaan dura dhaabatee ture irraa akka itti fufu biyyoonni sadeenuu walii-galanii jiran. Mariin kun bakka ammaan dura itti addaan citee ture irra boor itti fufa jechuu dha,” jedhan, Ambaasaaddar Diimaa Muftii.

Akka jecha isaaniitti mariin boor jalqabu kun akka karoorfametti hanga Jimaata dhufuutti itti fufa.

XS
SM
MD
LG