Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirezdaantii Ameerikaa 45ffaa, Doonaald J Traamp


Doonaald J Traamp prezidaantii Ameerikaa 45ffaa dha. Mr.Traamp prezidaantota Ameerikaa kessaa isaan sadaffaa himannaan irratti dhiyaate. Garuu immoo bilisa jedhanii aangoo irraa osoo hin kaafamin hafaniiru.

{Gabaasa sagalee}

Prizidaantichi waggaa 4 dabalataf filatamuuf sadaasa dhufutti qophaa’aa jiru. Prezidaant Doonaald Tramp filannoo sadaasa keessaafis ifatti duula na filadhaa ka eegalan Waxabajjii bara 2019, Orlaandoo FILOORIDAA-tti ture.

Dhaadannoon isaaniis “keep America Great ! Ameerikaa akka cimtuu taatetti tursuu ka jedhu ture.

Duula filannoo bara 2016 darbetti Mr. Traamp dhaadannoo “Make Amerikaa great again” Deebisnee Ameerikaa ol aantuu haa goonu isa jedhu akka ture ni yaadatama.

Sirna duula na filadhaa waggaa darbe eegalan sana irratti egaa Mr. Traamp deggertoota isaaniitin al tokko fiixaan baasneerra, ammas ni daballa, isa kana garuu hojicha walumaa galatti xumuruuf jirra jedhan.

Prezidaant Doonaald Traamp osoo biyya hamma Ameerikaa ga’uuf hoogganaa hin ta’in maal maalfaa hojechuun beekaman? Haga tokko odeeffannoo isiniin geenya.

Prezidaantii osoo hin ta’in dura Traamp New Yorkitti nama hojjaa misooma ijaarsaa fi daldalaan baay’ee beekmaa garuu immoo falmisiisaa kan ta’anii fi hojii prodaakshinii TV irratti beekamtii kan qabanii dha.

Gama barnootaatiinis University of pennsylvania wharton shool of Finance jedhamu irraa eebbifamaniiru Traamp.

Ergasii qabeenyaa maatii isaanii kan ture dhaabbata misoomaa fi daldala manneenii “Real estate” itti gaafatama fudhachuun biilsaalee, hoteelota,kaasiinoo ykn iddoowwan bashannanaa bifa adda addaa qabu akkasumas dirreewwan gosa spoortii Golf ykn killee itti taphatan addunyaa irra naanna’anii ijaaruu jalqaban.

Sana keessatti garuu akkuma nagada tokkoo bu’aa ba’ii hedduun isaan mudateera.Yeroo isaan kasaaranis tureera. Akkasuma milkaa’inni bu’aa irratti bu’aa lakaawaa turan.

Forbes kan jedhamu barruun gulantaa sooressota addunyaa waggaa waggaan if godhu akka ibsetti, bara 2016 keessa dhaabbati Donald Tramp doolaara biliyoona $3.7 ta’uu tilmaameefi.

Mr. Tramp hojiin biraan itti beekamaa ta’an akkuma gubbaatti tuqame oguma TV ti. Bara 2004 eegale dhaabbata TV NBC jedhamu irratti qophii darbaa turee fi baay’ee jaal’atame irratti taatota keessaa tokko ta’uurra darbee Mr. Traamp producer qophii ykn do’ii “ Apperentice” maqaa jedhamuun beekamuuf ijoo tuan. Prezidaantummaaf dorgomuuf ennaa jiran bara 2015 tue kan dhiisan.

Bara 2016 keessa Traamp bulchaa biyya Ameerikaa ta’an. Eega masaraa White House seenanii as waggaa 3 fi walakkaa keessatti prezidaant Doonaald J Traamp maal maalfaa hojjetan?

Kanneen xuqaman keessaa Traamp seenaa taaksii ykn dilaala biyyattii irratti jijjiirama guddicha jedhamu hojii irra oolchan. Raayyaa waraana Ameerikaa biyya Siiriyaa ture irraa garii isaa biyyatti deebisan ykn lakkoobsa waraana Ameerikaa achi jiru gad xiqqeessan.

Mana murtii muummicha ol aanaa biyyattii “Supreme Court” jedhamuuf miseensota sagal qabuun beekamu keessatti abbootii seeraa lama kaadhimuu dhaan milkaa’aniiru. Sun immoo deggertoota

Kana qofaa miti. Kooluugaltoota seeraan ala gara Ameeikaa seenan adamsanii qabuuf bakka dhufanitti deebisuu akkasumas daangaa Ameerikaa gama kibaa jirutti dallaa ijaaruu dhaaf jalqaba maallaqa guddaa doolaara biliyoona tokkoo fi miliyoona dhibba afur Kongresii biraa argamsiisuu danda’uun gama kaaniin immoo imaammata hordofaniin milkaa’uun ni dubbatama.

Dallaa dhuma biyyattii gama kibbaan Meeksikoo daangessu kana cimsanii ijaaruuf prezidaantichi qarshii dabalataa doolaara biliyoona sadii fi miliyoona dhibba ja’a akka ramadamu gochisiisuunis injifannoo biraa ture.

Gama kaaniiin immoo waadaa ennaa duula filannoo irratti seenan sana fiixaan baasuuf jecha seerotaa fi qajeelfamoota prezidaantii duraanii Baraak Obaamaan tuamamanii turan hedduu isaaii akka hojii irra hin oolle haqan. “Obama Care” maqaa jedhamuun kan beekamu seera wabii nageenyaa uummata miliyoona hedduuf fayyadu keessaa gariin akka haqamu godhaniiru. Dhiyeenya kana immoo “Obama Care” kun gutummaan guutuutti seeraan akka dhoarkamu mana murtii walii galaatti iyyataniiru jedhama.

Milkaa’inni guddichi Traamp gama dinagdeetiin waggoota sadan darban aangoo irra turan kana keessatti hoji dhablummaan haala waggoota 50 keessatti Ameerikaa keessatti mul’atee hin beekne beekne 3.5% gad bu’e.

Garuu golfa koronaatti haa hammaatuutii injifannoo isaan guddina dinagdee irratti gonfatan sun bara kana akka hin taane ta’eera. Weerara vaayiresii Chaayinaa ka’ee addunyaa waliin ga’e kanaan. Sanas ta’ee dhibeen koronaa dinagdee Ameerikaa ammaafis ta’e raasaa jiru Yunaayitid Isteetis irratti dhiibbaa kana jedhamu uumuu isaa kan shakkan Tramp biyyattiin deebitee dandamachuu isheetiif shakkii hin qaban.

Koronaa kanaan wal qabatee baatii Guraandhalaa keessa ennaa dubbatan vaayiresiin kun ni bada. Guyyaa tokko raajii dhuma ta’ee akkuma tasaa ni bada jedhanii tilmaamuu isaanii TVn biyya kanaa bali’inaan irra deddeebi’anii mul’isan. Faallaa isaa garuu vaayiresiin kun kutaalee biyyattii shantamman waliin ga’ee biyyattiis jeequmsa dinagdee keessa seensisuun hojjettoonni miliyoona 48 hojii isaanii dhabuuf dirqamaniiru. Manneen barnootaa hundi manneen daldaaas akkasuma guutumaan guutuutti cufamuuf dirqaman.

Koronaan wal qabatee haalli ta’e hundi filannoo Sadaasa 3 bara 2020 mo’achuu irraa akka hin gufachiisneen kan dubbatan Doonaald Tramp talaalliin vaayiresii kanaa baatilee keessatti argamuu dubbachuu irraa boodatti deebi’anii hin beekan. Ogeessonni fayyaa garuu jalqaba baatii bara 2021 keessatti tilmaamu.

Gama biraatiin imaammati alaa prezidaant Doonaald J Tramp hordofan Ameerikaan haa dursitu isa jedhuun beekama. Sana jechuun waan hunda caalaa fedhii lammiiwwan Ameerikaa eegsisuu ykn kabachiisuu jechuu dha. Sababaa sanaafid fedhii Ameerikaa hin guutu kan ittiin jedhan fakkeenyaaf Trans-Pacific Partnership (TPP) kan jedhamu walii galtee daldalaa, walii galtee eegumsa jijjiirama qilleensa naannoo addunyaa isa guddicha “Paris Climate Change” fi walii galtee nukleraa Iraan ykn ”Iran nuclear deal” jedhamu keessaa Ameerikaan akka baatu godhaniiru.

Naaftaa maqaa jedhuun kan beekamu tumsa daldala dilaala alaa Kanaadaa fi Meeksikoo dabalatee Ameerikaan kan keessatti hirmaattee turte keessaa biyyi isaanii akka baatu ykn immoo fooyya’ee akka malatteessamu dirqisiisuu dhaan walii galteen biyyoota sadan gidduu jiru Naaftaan akka haaraati akka mallatteeffamu godhaniiru.

Chaayinaatti immoo waraana daldalaa labsaniiru jedhama. NATO ykn immoo gamtaa waraanaa Atlaantik Kaabaa ilaalchisuu dhaan Ameerikaan gamtaa kanaaf baasii guddaa baasaa jirti jechuu dhaan qeeqaniiru. Qeeqa qofaa utuu hin ta’in dhiibbaas uumaniiru. Gama hariiroo hooggantoota addunyaa wlaiin qabaniin immoo biyyoota michummaa gaarii Ameerikaa waliin qabaachuun beekaman waliinis walitti dhufeenyi isaanii ulfaataa ture jedhama.

Akka fakkeenyaattis chaansilerittii Jarmanii Angelaa Merkeln kan Ferensaay Emaanu’el Maakroon kan tuqamuu dha. Faallaa isaatti immoo prezidaantii Raashiyaa Vlaadmir Putin fi hoogganaa Kooriyaa Kaabaa Kim Jon- Un waliin gaarii akka ture galmee irra taa’ee jira.

Egaa kabajamtoota dhaggeeffattoota keenyaa filannoo Ameerikaa baatii Sadaasaa geggeessamu ilaalchisuu dhaan kaadhimamtoota biyyattii lamaan garee dimokraatotaa fi garee Ripaablikaanotaa irraa dhiyaatan seenaa isaanii isin dhageessisuuf akkuma qophoofne kaadhimamaa paartii Ripaablikaanotaa kan ta’an Doonaald J Tramp kana fakkaata ture.

XS
SM
MD
LG