Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiwwan Amerikaa Aguuggii Afaanii fi Funyaanii(Maask) Ka'achuu Qabu: Joo Baaydin


Joo Baaydin lammiwwan Amerikaa yoo xiqqaate baatilee dhufan sadiif aguuggii afaanii fi funyaanii(Maask) ka'achuu qaban jedhan.

Addunyaa irratti lakkoobsii namoota dhukkuba Koviid-19n qabaman Miliyoona 20 caalaa yeroo jiru kanatti kanneen kuma 700 fi kuma 59 ta'an sababaa dhukkuba kanaan lubbuu ofii dhaba.

Bulchitoonni kutaalee Yunaaytid Istees martii funyaanii fi afaan aguuguun dirqama akka ta'e beeksisuu qabu kan jedhan Baaydin yaadii hayyootaan dhiyaatan uummata kuma 40 caalaa du'a irraa oolchuu danda'aa jedhan.

Ilaalcha Baaydi dhukkuuba Koviid-19 irratti qaban kun kan isa prezidaant jedhan irraa adda ta'uu agarsisee jira.

XS
SM
MD
LG