Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Namoota Gara Kuma Sagalii Hidhuun Yaaddoo Uume


Maatii Obboo Dajanee Xaafaa
Maatii Obboo Dajanee Xaafaa

Itiyoophiyaan Walitti-bu'insa Baatii Dabreetii Booda Namoota  Gara Kuma Sagalii Hidhuun Yaaddoo Uume Jedhama

Itiyoophiyaan walitti-bu’insawwan baatii dabre biyyattii keessatti dhiiga dhangalaasisee booda, namoota kuma sagalii ol hidhuu ishee, kan Mootummaa geggeessamu, Koomishinni Mirga Namoomaa biyyattii itti himuu isaa, maddi oduu Rooyiters gabaasee jira.

Itiyoophiyaan Namoota Gara Kuma Sagalii Hidhuun Yaaddoo Uume
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:18 0:00

Kun immoo mootummaan jijjiirama akka fidetti faarsamaa ture gara toftaalee irreen-bultummaa akka mootummoota duraanii gargaaramuutti deebi’aa jira, yaaddoo jedhu uumaa jira.

Royiters akka gabaasetti kan bara 2018 taayitaa qabatan muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa – Abiyyi Ahimed, biyya Afrikaa hacuuccaan ol’aanaan keessatti geggeessamu keessatti jijjiiramawwan dimookiraasii fiduuf ka waadaa seenan yoo tahu, amma sab-boonummaa sab-lammootaa dabree dabree gara hookkaraatti jijjiiramu to’achuuf wal’aansoo qabaa jiran.

"Halkan Sa'aatii 10 ti balbala nurratti rukkutan"
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:20 0:00

Waa’ee lafaa, waa’ee qabeenyaa fi aangoo naannoolee irratti wal-falmiin ka’an akka walaba tahanii geggeessan kan taasise – Muummichi-ministaraa Abiyyi, amma garuu bilisummaa lammiwwanii kichuutti jiru ehamuu, kan bara dabre Noobelii Nagaa isaan badhaasise sana itti fufuuu irratti danqaaleen isaan mudatee jira.

Itiyoophiyaa keessatti bara 2021, filannoo walabaa fi madaalawaa isa jalqabaa geggeessisuuf ka waadaa seenanii turan yoo tahu, silaa biyyattii Afrikaa keessatti lakkoobsa uummataan lammaffaa taate – Itiyoophiyaa keessatti mallattoo jijjiiramaa guddaa taha ture.

Tahus garuu, Koomishinni Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa, mootummaan geggeessamu akka jedhutti, Waxabajjii 29 wallisaan beekamaan – Haacaaluu Hundeessaa rasaasaan ajjeesamuu irraa mormiin ka’ee magaalaa Fininnee fi naannoolee itti dhihoo jiran keessatti walumaa-galatti lubbuu namoota 178 ol galaafatee booda namoota gara kuma sagalii tu hidhame.

Waa’ee hidhaa kanaa irratti akka deebii gama mootummaa kennan ka Rooytersiin gaafataman, dubbi-himtuun muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa – Billenee Siyyum, seera kabajchiisuun tarkaanfii hatattamaa akka tahe dubbatan.

“Qoodnii fi itti gaafatamni mootummaa inni duraa nagaa fi tasgabbii mirkaneessuu dha. Ol’aantummaa seeraa eegsisuu dha. Tarkaanfiileen torbanneen dabran fudhatan calaqqee heeraa fi seera eegsisuu ti,” jedhan – Billeenee Siyyum.

Qeeqxonni muummicha-ministaraa Abiyyi immoo, haalli rifaasisaan durii akka deebi’ee dhufetti dubbatan.

XS
SM
MD
LG