Xurree ittiin seenan

Breaking News

Duula Farra Dhukkuba Vaayrasii Koronaa


Oromiyaa Keessatti Duullii Farra Dhukkuba Koviid-19 Jalqabamee Jira:Angawaa

Guutummaa Itiyoophiyaa keessatti vaayrasii Koronaa irratti qorannaa fi barsiisii bifa duulaan gaggeeffamaa jira.

Dullii kun Oromiyaa keessatti Roobii Hagayya 12 bara 2020 kan jalqabamee yoo ta'u guyyaa kudha shaniif kan turu ta'u Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaatti daayreekteera barnoota fayyaa fi Komunikeeshinii Aaddee Sa'adaa Ahmad ibsanii jiru.

Dhukkubii Koviid-10 hammaataa akka jiru kanaafis sababaan guddaan of-dagannaan uummataa akka ta'e ibsameera.

Namoonni dhukkubii koroonaa Itiyoophiyaa keessa hin jiru, mootummaatu filannoo gaggeessu dhisuuf dhukkubicha sababii godhatee, Vaayrasiin Koronaa dargaggoo hin qabu, maanguddootaa fi namoota duraan dhukkuba adda addaa qaban malee ilaalcha jedhuun of-dagatan jedhamee jira.

Magaalaa Buraayyuu, Sabbata, godiina Gujii fi Harargee bahaa dhukkuba Koviid-19 kanneen itti hammaatee keessaa ta'uun ibsamee jira.

Gaaffii fi Deebii gaggeeffame Caqasaa

Duula Farra Dhukkuba Vaayrasii Koronaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:55 0:00


XS
SM
MD
LG