Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Naannoo Tigraay Kaardii Filannoo Fudhachuu Qabdu Jechuun Uummata Hidhaa Jira: Koree Eenyummaa Amaaraa Walqaayit 


Mootummaan naannoo Tigraay kaardii filannoo hin fudhanne jechuu dhan torban tokko keessatti namoota 200 hanga 300 a’an nu duraa hidhe jechuu dhaan koreen eenyummaa Amaaaa kan Walqaayit beeksisee jira.

Namoonni naannoo Xagadee jiraatan immoo dabballoonni Wayyaanee mootummaan Abiy filannoo eeyameera jechuu dhaan kaardii filannoo akka fudhannuf dirqisiisamaa jirra jedhan.

Dura ta’aan koree eenyummaa Amaaraa kan Walqaayit Kolonel Demmeqee Zewuduu akka jedhanitti qabeenyaan kan saamame eenyummaan isaa kan dhokate uummati naannoo Sanaa jireenya ulfaataa geggeessaa jira jedhan.

Akka jecha isaaniitti keessumaa yeroo ammaa mootummaan naannoo Tigraay filannoo seraan alaa geggeessuu yaadeef jiraattota naannootiin dirqii dhaan kaardii fudhadhaa jechaa jira.

Namoota nuti Amaaraa dha jedhan hidhuu dhaan adamsaa jira jedhu Kolonel Demmeqeen. Jiraattota naannoo keessaa kan akka obbo Sexxeny Mollaa jedhaman illee naannoo sana keessatti kaadiroonni IWEHAT mootummaa Abiy waliin wal taaneerra jechuu dhaan kaardii filannoo akka fudhannuuf waliin dha’aa jiru jedhaniiru.

Dhimma kana ilaalchisuu dhaan mootummaa naannoo Tigraay fi mootummaa federaalaa biraa deebii argachuuf yaaliin godhe hin milkoofne garuu itti gaafatamtuun waajjira dhimmootii kominikeeshinii naannoo Sanaa aadde Liyaa Kaasaa torbanneen dura akka jedhanitti naannoo sana keessa namni gaaffii eenyummaa kaasu hin jiru jechuun isaanii ni yaadatama jetti Aster Misgaanaaw Baahir Daar irraa.

Yaadawwan Ilaali (8)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG