Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kutaa Wiskaansan Keessatti Mormii Gaggeeffameen Namnii Lama Ajjeefamuu Polisiin Ibsee Jira.


Dilbata dabree lammiin Amerikaa hidda dhalata Afrikaa Polisiin rasaasaan rukutamuu mormuun guyyoota darban sadiif hiriirri gaggeefamaa jira.

Viidiyoon bilbila harkaan waraabamee marsariitii hawaasaa irratti gadhiifame akka agarsisuutti Kibxata kaleessa nama qawwee baatee daandii irra deemaa ture tokko namoonni duukaa bu'an.

Namtichii lafatti eega kufee booda namoota isa marsanii jiran irratti dhukaasa banee.

Polisiin magaalaa Kinoshaa ibsa baaseen namnii sadaffaan madaa'ee hospitaala kan seene ta'uus lubbuu isaaf kan sodaachisu miti jedheera.

XS
SM
MD
LG