Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqattoonni Itoophiyaa Masrii Keessatti Loogiif Saaxilamne Jedhan


Baqattoonni Itoophiyaa Masrii Keessatti Loogiif Saaxilamne Jedhan
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:06 0:00

Jireenya Ummata miliyoona dhibba sadi’ituu laga abbaayyaa irratti hundaaha. Masriitti, lammiiwwan biyyattii harka 100 keessaa harki 95 qarqara galaana kanaa jiraata.

Itoophiyaan hidha laga Abbaayaa bajata gara doolaarii biliyoonaa shaniitin ijaaraa jirtu ji’a darbe guutuu qabdeetti. Biyyittin, uummata miliyyoona 65-f humna elektriikii dhiheessuu, akkasumas iyyumaa keessaa baahuf prookeektii kanatti galuutu ibsama.

Masriin garuu ijaarsi hidha laga Abbayaa Itoophiyaan itti jirtu bishaanan laga kana irraa argadhu na jalaa xinneessaa yaaddoo jedhu qabdi.

Karaa biraatiin Masrii keessa baqattoota biyyoota Afrikaa Uffee Sahaaraa gadii 100,000 oltu jira. Baqattoonni kun sababa waldhibdee hidha laga Abaayaa kanaan, Masrii keessatti jibbaa fi hammeenyaaf saaxilamaa jiraachuu dubbatan.

Gama internteetiitin lammiiwwan Masrii fi Itoophiyaa xiiqiidhan wal aarsaa oolan. Miidiyaa hawaasummaa 'Tik Tok' jedhamu irratti lammiiwwan Itoophiyaa bishaan laga abbayaa masriirraa gutummaan guutuutti ittifaamuuf deemuu waan agarsiisu viidiyoo gaggabaaban hojjatanii dhiheessan. Lammiwwan Masrii gama isaanitiin, dandeettii fi humna waraanaa biyya isaaniin dhaadachaatii waan jabina gama saniin biyyattiin qabdu agarsiisu maxxansan.

Wanni miidiyaa hawasummaa irratti wal aaarsaa oolun kun egaa wajjin jiraachuu irratti rakkoo uumaa jirachuudha, lammiiwwan Masrii akkasumas baqattoonni biyyattiitii dahoo godhatan an dubbatan.

Qeeqxonni Masrii, biyyattin humna ishii fayyadamtee biyyoota ollaa sodaachisuudhan dhimma laga Abbayyaa guutummaatti dhuunfattee turuu hoo ibsan, Warri Itoophiyaa qeeqummoo, waliigaltee akkaataa fayyadama bishaaniichaa, hunda hirmaachiserra odoo in gahiin biyyattiin hidha laga abbaayaa guutuu jalqabuun, biyyoota oolaa rakkinaaf saaxilaa, seeraa addunyaas ni cabsa yaada jedhu dhieessan.

Itoophiyaa Masrii fi Suudaan marii itti fufaniiru. Baqattoonni Afrikaa Masrii jiraan karaa isaanii waan isaan keessaa in qabneen loogii fi jibbii irra gahaa jiaachuu himachaa, "lammiiwwan Masrii hoo dheebotan nu’illee wajjumaan dheebochuuf deemna," jedhan.

XS
SM
MD
LG