Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Sidaamaa Keessatti Tamsa’inni Vaayiresii Koronaa Hammaataa Adeemuutu Gabaasame 


Magaala Awaasaa
Magaala Awaasaa

Aanaalee godinaa Sidaamaa fi magaalaa Hawaasaa keessatti faca’inni vaayiresii koronaa hatattamaan hammaataa adeemuu institiyuutiin eegumsa fayyaa hawaasaa naannoo Sidaamaa fi bulchiinsi qajeelfamni fayyaa bulchiinsa magaalattii beeksisaniiru.

Faca’ina vaayiresichaaf qooda ol aanaa an gumaache uummati of dagachuu fi labsiin yeroo hatattamaa mootummaa federaalaan lasamu cabuu isaa ti jedhaniiru.

Naannoo Sidaamaa keessaa namoonni 1000 vaayiresichaan yoo qabaman kanneen keessaa 854 magaalaa Hawaasaa keessaa ta’uun ibsamee jria.

Daayirikterri inistitiyuutii fayyaa hawaasaa naannoo Sidaamaa Dr. Maatee Mengeshaa akka jedhanitti torbanneen lamaan darban keessa vaayiresiin kun akkaan dabalee jira.

Kanaaf sababaan of dagachuu jiru akkasumas itti gaafatamtoonni mootummaa sadarkaa gadii cichi isaan qaban xiqqaachuu dha jedhan.

Yeroo dhiyoo as duulawwan kaayyoo lama qabu geggeessamaa jiraachuu illee ibsanii jiran.

Mana hidhaa magaalaa Hawaasaa keessaa qorannoo namoota 500f geggeessameen hidhamtoonni 100 ol vaayiresii koronaan qabamuu ibsaniiru. Industriyaal Paarkii keessattis vaayiresichi babal’ataa adeemuu tuqanii mala ittisaa ogeessota fayyaan kennaman hojii irra oolchuu dhabuun ni mul’ata kan jedhan itti gaafatamaan kun gandeen cufaman illee jiraachuu ibsaniiru jechuun Yonatan Zebdwoos Hawaasaa irraa gabaaseera.

XS
SM
MD
LG