Xurree ittiin seenan

Breaking News

Faca’inni Vaayiresii Koronaa Sidaamaa Fi Hawaasaa Hammaachuun Ibsame 


(Suuraa faayilii)

Aanaalee naannoo Sidaamaa fi magaalaa Hawaasaa keessatti tamsa’inni vaayiresii koronaa hammaataa adeemuu institiyuutiin fayyaa hawaasaa naannoo Sidaamaa fi qajeelfamni bulchiinsa fayyaa magaalaa Hawaasaa beeksisanii jiru.

Tamsa’ina Vaayiresichaaf qooda ol aanaa kan gumaache hawaasichi of dagachuu isaa fi labsiin yeroo hatattamaa mootummaa federaalaan labsame waan hin eegaminiifi jedhaniiru.

Naannoo Sidaamaa keessaa namoonni 1000 ol vaayiresii kanaan kan qabaman yoo ta’u magaalaa Hawaasaa keessaa immoo namoonni 854 qabaaniiru.

Torbanneen laman darban naannoo sana keessatti faca’inni vaayiresichaa hammaateera jechuu dhaan daayirikterri institiyuutii fayyaa uummataa naannoo Sidaamaa Dr. Maatee Mengeshaa ibsaniiru jedha Yoonaattan Zebdwoos Hawaasaa irraa.

Yaadawwan Ilaali

XS
SM
MD
LG