Xurree ittiin seenan

Breaking News

Joo Baayiden Prezidaant Trampiif Maatii Isaaniif Waaqa Kadhachuu Itti Fufna Jedhan 


Kaadhimamaa prezidaantummaa kan garee dimokraatotaa, Joo Baayiden
Kaadhimamaa prezidaantummaa kan garee dimokraatotaa, Joo Baayiden

Kaadhimamaan prezidaantummaa kan garee dimokraatotaa Joo Baayiden isaanii fi haati warraa isaanii Jill kan COVID-19n qabaman mormituu isaanii filannoo Sadaasa keessaa geggeeffamuu prezidaant Trampii fi haadha warraan isaanii Melaaniyaan akka isaan wayyaawan hawuu isaanii beeksisan.

Jill fi ani fayyummaa isaaniif nageenya prezidaantichaa fi maatii isaaniif Waaqa kadhachuu itti fufna jechuun tweeter irratti barreessaniiru.

Hoogganoonni fi Namoonni Beekamoon Addunyaa Prezidaant Trampii fi Giifti Dureen Akka Fayyan Hawwii FI Deggersaa Isaanii Ibsaa Jiran

Hoogganoonnii fi namoonni beekamoon naannoo addunyaa erga prezidaant Tramp fi giifti duree Melaaniyaa Tramp vaayiresii koronaan qabamuun isaanii labsamee booda hawwa gaarii kan fayyuu isaanii ibsaniifii jiran. Prezidaantichi vaayiresii kanaan qabamuu jimaata ganama twitter irratti ennaa barreessan hoogganoonni naannoo addunyaa immoo akka fooyya’aniif ergaa ergaafii turan.

Hoogganaan jarmayaa fayyaa addunyaa Dr. Teedroos Adhaanoom tweeter irratti barreessuu dhaan Tramp fi haati warraa isaanii dafanii guutummaan akka fayyan hawwaniiruuf. Muummichi ministeeraa Hindii fi michuun dhiyoo kan Tramp Narendra Moodii hoogganoota biyyaa ergaa fi deggersa qaban ergan isaan jalqabaa keessaa tokko turan.

Ergaa marsariitii sirnaa irratti maxxanfameen, prezidaantiin Raashiyaa Vilaadmir Putiin Trampiif ergaa dabarsaniin, “uumamaan cimina isin qabdan, miira gaariin keessanii fi abdii ifaa ta’e qabaachuun keessan vaayiresii balaafamaa kana dura akka dhaabattan akka inni isin gargaaru amantii guutuun qaba jedhan.

Chaansilerittiin Jarmanii Angela Merkel karaa dubbi himaa isaaniin ibsa jimaata har’aa kennaniin Doonaald fi Melaaniyaa Tramp fi hawwii gaariin qabu maran dabarsaaf jedhan. Vaayiresii koronaa irraa guutummaatti dafanii fayyu jedheen abdadha jedhan.

Kan ofii isaanii xumura baatii Bitootessaa vaayiresii koronaan qabamanii turan uummichi ministeeraa Briteen Booris Joonsen hawwa gaarii qaban erganiiruuf. Baatii Ebla jalqaba irratti Joonsen gara hospitaala Londonitti geessamuu dhaan kutaa yeroo hatattamaa keessa tursiisaman. Ennaa snatti kan umuriin waggaa 55 hoogganaan Briteen haalli fayyummaa isaanii gam lamatti deemuu mala jedhanii turan. Biyyattiin yeroo ammaa weerara koronaa marsaa lammataatu ishee mudatee jira.

Kan walakkeessa baatii Fulbaana keessa prezidaanti Tramp waliin Washingon keessatti wal arganii walii galtee nageenyaa hoogganoota Baahireenii fi kan Tokkummaa Emireetota Arabaa waliin mallatteessan turan muummichi ministeeraa Benjamin Netanyaahuu, Tramp akka fooya’aniif hawwii qaban ibsanii jiru.Prezidaantiin Afgaanistan Ashraf Gaaniis Trampiif hawwii gaarii qaban ibsaniifii jiru.

Hoogganoonni kanneen biroon ibsa hin kenning jiru. Hoogganaan kooriyaa kaabaa Kim Jong Un mi’inatti ibsa akka hin kenning gareen sabaa himaa to’annaa mootummaa jala jiru cimsee to’atu beeksisee jira. Angawoonni jaarmayaa fayyaa addunyaa koronaa ilaalchisee kooriyaa kaabaa irraa ragaa tokko iyyuu hin qaban. Prezidaantiin Chaayinaa Xi Jinping battala gabaasa waa’ee Tramp waltajjii uummataa kam irratti iyyuu waan jedhan hin qaban. Vaayiresiin koronaa jalqaba magaalaa chaayinaa Wuhaan keessatti kan argame baatii Muddee keessa ture.

XS
SM
MD
LG