Xurree ittiin seenan

Breaking News

Joonsen Joonsen Talaalii Yaalii COVID-19 Yeroof Dhaabe


Kan Joonsen Joonsen jedhamu Kaampaaniin Faarmaasii Yunaayitid Isteetis guddichi, yaaliilii talaalii COVID 19 sadarkaa xumuraa irra gahe, sababaa namni irratti yaalame tokko baay’ee dhukkubsateef jecha yeroof dhaabee jira.

Kaampaanichi, yaalii dawaa talaalii sadarkaa ol’aanaa si’a tokko kannamu dhiheenya kana jalqabe.

Namoonni talaalii yaalii kana fudhachuuf fedhii isaaniin itti hirmaatan Yunaayitid Isteetis keesaa bakkawwan dhibba lama irraa akkasumas biyyoota addunyaa – akka Arjentiinaa, Braaziil, Chiilee, Meksiikoo fi Afrikaa Kibbaa irraa walumaa-galatti kuma jaatama tahuun beekamee jira.

Yaadawwan Ilaali

XS
SM
MD
LG