Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kan Trampiin Barcuma Mana Murtii Walii Galaa Ameerikaaf Kaadhimaman Guyyaa Itti Dabalaaf Gaaffiif Dhiyaatuuf Jiru 


Dimokraatonni kongiresii keessaa, kaadhimamtuun taayitaa mana murtii walii gala Yunaayitid Isteetis Amii Koonii Baretiin dhimmi ijoo ta’e kan yoo hin milkaa’in hafe fayyummaa lammii Ameerikaa miliyoonaan laka’amu miidhu ilaalchisee har’a gaaffii dhiyeessuuf jiran.

Guyyaa sadaffaaf Koree mana maree murtii seeraa duratti dhiyaachuun Baret irra deebi’uu dhaan insuraansii farraa kan Obama Care jedhu akka hin mormine ibsan.

Baret roobii kaleessaa akka dubbatanitti abbaan seeraa tarkaanfii mara irratti sammuu banaa ta’e qabaachuu qaba jechuun seneterootatti himanii jiran. Dhimma isaa ilaaluu qofaan dhimmi isaaf furmaata kennuuf yoon yaade adeemsa jiru mara gabaabaatti hambisuu dha jechuu dha jedhan.

Baretti yoo filataman baatii darbe umurii isaanii wagaa 87tti du’aan kan boqotaniif yaada madaalawaa qabu turan Ruut Baader Ginsburgiin bakka bu’u.

Yaadawwan Ilaali

XS
SM
MD
LG