Xurree ittiin seenan

Breaking News

Briteen Carraan Ishee Fuul-duraa Nama Filannoo Prezidaantummaa Yunaayitid Isteetis Baranaa Injifatutti Hidhataadha, Jedhu Xiinxaltoonni 


FILE - A man waves a British flag on Brexit day in London, Britain, Jan. 31, 2020.
FILE - A man waves a British flag on Brexit day in London, Britain, Jan. 31, 2020.

Bara 2016, yeroo Doonaald Traamp prezidaantummaa Yunaayitid Isteetisiif filataman, Briteen immoo Gamtaa Awurooppaa keessaa ba’uuf sagaleedhaan murteeffatte Lameenuu akka waan siyaasaan yaada uummata bal’aa hawate injifatetti ilaalame. Waggoota afur booda, prezidaant Traamp, yeroo lakkoobsa sagalee yaada uummataatiin kan isaan dorgoman, dimookiraaticha itti-aanaa prezidaantii duraanii, Joo Baayideniin dursamaa jiranitti marsaa lammataaf filatamuuf duula na filadhaatti jiran.

Gama biraan Briteen Gamtaa Awurooppaa keessaa ba’uuf sadarkaa xumuraa irra geessee jirti. Kanaaf, mootummaan Briteen dinagdee isaa ol kaafachuuf, hariiroo daldalaa haaraa Yunaayitid Isteetis waliin tolfachuu barbaada. Kanaaf carraan Briteen filannoo Yunaayitid Isteetis Sadaasa dhufu geggeeffamu nama injifatu wajjiin walitti hidhataa dha.

Gabaasaa guutuu caqasaa.

Briteen Carraan Ishee Fuul-duraa Nama Filannoo Prezidaantummaa Yunaayitid Isteetis Baranaa Injifatutti Hidhataadha, Jedhu Xiinxaltoonni
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:22 0:00


XS
SM
MD
LG