Xurree ittiin seenan

Breaking News

Weerara Hawwaannisaa Ittisuu Keessatti Qindomiinaan hojjachuu fi Odeeffannoo Wal Jijjiruun Barbaachiisa: Angawaa


Itiyoophiyaa keessatti weerara Hawwaanisaa ittisuuf jecha lafa heektaara kuma 700 caalaa irratti Dawaan Bifamuu ministeerri qonnaa beeksisee jira.Kunis kan biifamee humna namaa, kokolaataa fi xayyaara gargaaramuun ta'uun ibsamee jira.

Weerara Hawwaannisaa waggaa tokkoof ture kanaan Itiyoophiyaa gama kibbaa akkasumasOromiyaa kibba bahaa kan ture dhabamsiisuun kan danda'ame ta'uus Oromiyaa bahaa , Amaaraa bahaa, Tigraay Kibbaa, Afaar, Somaalee bulchiinsa naannoo Dirree Dawaa hawwaannis badii guddaa geesisuu ministeera de'etaan ministeera qonnaa Dr. Maandafroo Nigusee beeksisanii jiru.

Qindomiinaan hojjachuu fi odeeffannoo wal jijjiruun akkaan barbaachisaa ta'uu ibsan jechuun Addis Chakkol gabaasee jira

XS
SM
MD
LG