Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Amaaraa keessa Kan jiran Maasiin Qonnaan Bultoota Godina Addaa hawaasa Oromoo Hoomaa Hawwaannisaan Nyaatame 


Suuraa Rooyters (faayilii)
Suuraa Rooyters (faayilii)

Naannoo Amaaraa godina addaa sabab oromoo aanaa Baatee keessatti hoomaan Hawwaannisaa balaa geessiseen midhaanni nyaatamuuf dhaqqabe kan hektaara kuma 22 ol irra jiru manca’uu bulchaan aanaa ssanaa nuuf ibsaniiru.

Naannoo Amaaraa keessa Kan jiran Maasiin Qonnaan Bultoota Godina Addaa hawaasa Oromoo Hoomaa Hawwaannisaan Nyaatame
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:19 0:00

Qonnaan bultoonnis asheeta nyaachuuf kaane hawwaannisi nu harkaa butee maasii keenya duwwaatti hambise jedhu. Kanneen keessaa tokko qonnaan bulaan aanaa Baatee Ganda Chokortii keessa jiraatan balaa hawwaannisi maasii isaanii irraan ga’e ennaa ibsan mihaan gombisaa keessaa dhumee kan alaa nuu dhaqqabe jennutti weerarri kun nu irra ga’e jedhan.

Bulchaan aanaa Baatee obbo Mohaammad Abdoo akka jedhanitti qonnaan bulaan midhaan maasii isaa irraa duraa manca’e kun hatattamaan deggersa hin argatu taanaan rakkoof saaxilamuuf deema jedhan.

XS
SM
MD
LG