Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromiyaa Lixaa Keessatti Namoonni Eega Hidhamanii Baatiilee Lakkoofsisan Haga Ammaa Mana-murtiitti Hin Dhihaanne, Jedhu Maatiin


Magaalotaa fi aanaalee Oromiyaa Lixaa tokko tokko keessatti, namootni erga hidhamanii baatiiwwan lakkoofsisan haga ammaa Mana murtiitti hin dhiyaanne jechuun maatiin hidhamtootaa komii dhiheessaa jrian.

Koomiilee kanaaf akka mootummaan deebii kennu, aangawoota dhimmi ilaallatutti deddeebinee bibillee, haga ammaa ka deebii kennu argachuu hin dandeenye. Komishiniin Mirga Namummaa Itoophiyaa immoo komiin akkasii nan qaqqabne jedha.

Hoogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Naannoo Oromiyaa, gaaffiifi deebii kana dura Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf kennaniin, “Kan namootni mana murtiitti hin dhihaanneef sababaa Weerara Kooviid-19n manneen murtii cufaa waan tahanii fi akkasumas yakka isaan ittii shakkaman qorachuuf yeroo waan fudhatuufi” jedhanii turan.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Oromiyaa Lixaa Keessatti Namoonni Eega Hidhamanii Baatiilee Lakkoofsisan Haga Ammaa Mana-murtiitti Hin Dhihaanne, Jedhu Maatiin
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:17 0:00


XS
SM
MD
LG