Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Al Bashiriin Murtiitti Dhiyeessuuf ICC Waliin Kan Wal Taatu Ta’uu Beeksiste 


Pirezdaantii Sudaan duraanii, Al Bashiir yeroo mana murtiitti dhihaachuf konkolaataa irraa bu'an
Pirezdaantii Sudaan duraanii, Al Bashiir yeroo mana murtiitti dhihaachuf konkolaataa irraa bu'an

Hoogganaan mootummaa ce’umsaa Sudaan dhimma hoogganaa biyyattii duraanii Omar al-Bashiriin ilaalchisee mana murtii yakka qoratu kan sadarkaa addunyaaf wal ta’iinsa kan agarsiisu ta’uu waadaa seene.

Muummichi ministeeraa Abdallaa Hamdook jila ICC kan abbaa alangaa Fatuu Bansuudaa hoogganame waliin dilabata wal arganii jiran.

ICCn jeeqama bara 203 keessa naannoo Daarfur dhiyaan wal qabatee yakka fixiinsa sanyii fi yakka faa namoomaan himatamanii ajaja hidhaa irratti dabarse. Al-Bashir lootee seentummaa Daarfuur keessaaf deebii kan kennan hidhattoota Jaanjawid erguu dhaan hanga uummata 300,000 ajjeesanii kanneen miliyoona 2.5 ta’an immoo qe’ee ofii irraa buqaasan.

Al-Bashir bara 2019 keessa mormii uummataa Kaartuumii fi bakka birootti ka’een booda waraana biyyattiin aangoo irraa fonqolchaman.

Yeroo ammaa himannaalee malaammaltummaa irratti dhiyaateef waggoota lamaaf hidhaa keessa kan jiran yoo ta’u fonqolcha mootummaa bara 1989 aangootti isaan fideen wal qabates yakka ilaalchatti dhiyaataa jiru.

XS
SM
MD
LG