Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantin Aljeeriyaa Wal’aansa Fayyaaf Gara Jarmanitti Geeffaman


Prezidaantiin Aljeeriyaa Abdelmajiid Teboonee gargaartonni isaanii gameeyyiin COVID-19n qabamuun isaanii erga beekamee booda qofaatti of baasuu dhaan hospitaala Aljeeriyaatti geessamuu isaanii beeksisee guyyaa tokko booda wal’ansa fayyaaf hospitaala Jarmanitti dabarfaman.

Kan umuriin waggaa 75 prezidaantichi wal’aansa fayyaaf gara Jarman dhaquun kan dhaga’ame yaada isaan heerri akka jijjiiramuuf dhiyeessanii murtii uummataaf dhiyaatu sadaasi tokko dhaqqabuuf guyyaan hangi tokko erga hafee booda.

Ibsi mootummaa biraaTV biyyattiin kenname sodaan vaayiresii koronaa jiraatu iyyuu dhibee Tibooneen wal’aasaaf mana yaalaa seenaniif hin ibsine.

Tibooneen COVID-19n qabamuu isaanii mootummaa biraa waan beeksisame hin jiru. Jeeqama siyaasaa biyyattii keessatti uumameen Tebooneen hoogganaa Aljeeriyaa aangoo waggoota dheeraa booda kan aangoo irraa kaafaman Abdulaziiz Butefliikaa bakka bu’an.

Yaadawwan Ilaali

XS
SM
MD
LG