Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ferensaay Keessaa Namni Haalbee Hidhate Lubbuu Nama Sadii Galaafate 


Magaalaa Ferensaay Nice keessatti kamisa har’aa namni haalbee qabate tokko waldaa kirstiyaanaa tokkko keessatti namoota sadii ajjeesuu angawoonni ibsaniiru. Kantiibaan magaalaa Nice Christian Estrosi waldaa magaalattii Notre Dame cinatti haleellaa raawwatame ennaa ibsan baatii lama keessatti yeroo sadii ta’uu dubbatanii haleellaa shororkeessotaa ittiin jedhan.

Namni haleellaa sana raawwate sun poolisiin rasaasaan rukutee to’annaa jala oolchuun wal’aasa fayyyaa fudhataa utuma jiruu iyyuu Alahu Akiber jechuun irra deddeebi’aa ture.

Abbootiin alangaa farra shororkeessummaa jalqaba torban kanaa barsiisaa mana barnootaa giddu galeessaa Saamu’el Paatii mormi muramee du’anii booda ajjeechaawwan kana qorachuu jalqabaniiru.

Kan haleellaa sana raawwate hiddi dhalata Chicheen akka jedhetti Patiin suraa Nabi Mohammed barnoota civiksii irratti barattoota waan agarsiisaniif adabuunii akka barbaau dubbatee jira.

Ajjeechaan kamisa har’aa musliimota biratti kaartoonii akka arrabsootti kan laka’amu waliin wal qabachuuf dhiisuun hin beekamin jira.

XS
SM
MD
LG