Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Torbee darbe kana qofa nami 54 Dhibee Kooronaan Du’eera’ Ministeera Fayyaa Keeniyaa


Muthaayii Kaagwee, Ministeerii Kaabinee Fayyaa Keeniyaa.
Muthaayii Kaagwee, Ministeerii Kaabinee Fayyaa Keeniyaa.

Ministeerri Fayyaa Keeniyaa, biyyattii keessatti torbee hobbaasne kana keessa baballinni Vaayresii Kooronaa dhibbeentaa 20 oliin dabaleera jedhe. Kanaanis wixata darbe kanaa haga kamisa kaleessaa qofaatti namootni 54 dhibuma Kanaan lubbuun darbeera jedhan Muthaayii Kaagwee Ministeerri Kaabinee Fayyaa Keeniyaa.

‘Torbee darbe kana qofa nami 54 Dhibee Kooronaan Du’eera’ Ministeera Fayyaa Keeniyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:05 0:00

Kaagween, namoota 54 torbee kaan du’aan keessaa namootni 14 ka dhibee Kanaan rakkataa turan kaleessa lubbuun darbuu ifoomsan. Erga dhibeen kun biyyanatti mullatee namootni dhibee Kanaan lubbuu dhaban gara 964 akka gahe himanii; ammallee namootni 1084 ka dhibee Kanaan hubaman manneetii yaalaa adda addaatti yaalamaa jiru, isaan keessaa 35 warra gar malee dhukkubsatee jirudha jedhan yoo dubbatan.

Kaagween dabalanii weerarri dhibee kanaa kan inni dabaleef of eeggannoon duraan labsamee ture ka’uu akka tahe himanii, kanaaf lammileen biyyattii, keessumaa mask afaani fi funyaanitti kaayachuu akka amaleeffatan akeekkachiisan. Ministeerri fayyaa biyyattii sichi namoota dhibeee Kanaan qabaman manatti akka yaalaman akka taasisu, kana mijeessuufis inshuraansii fayyaa biyyattiis mootummaan akka qajeelchu dubbataniiru.

Haga yoonaas keeniyaan keessatti ogeessonni fayyaa 1000 ol dhibee Kanaan qabamuu, 16, isaan kana keessaa lubbuun akka darbe himanii mootummaan buufataaleen fayyaa warra dhukkubsateen akka hin muddamneef filannoo hedduu mijeessaa jira jedhan.

Keeniyaan torbee lama dura manneetii barnootaa bantee barattoota muraasa gara mana barnootaatti ka deebiste yoo tahu, Ministeerri barnoota biyyattii torbee kana weerarri Vaayresichaa dabalus hojiin baruu fi barsiisuu jalqabame itti fufaa jedhee jira.

XS
SM
MD
LG