Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yemen Uummata Balaa Dhukkubaa Hammaataa Dhufe Irraa Oolchuu Hin Dandeenye: Tokkummaa Mootummootaa 


Wal-waraansa waggoota shanii oliif Yemen keessatti hammaataa dhufe tu dinagdee biyyattii mancaasee, nyaataa fi tajaajila fayyaa uummata isheef kennuuf dandeetii biyyattiin qabdu dhabamsiise. Aangawoonni Jaarmayaa Fayyaa Addunyaa akka jedhanitti manneen-eegumsa fayyaa biyyattii tajaajila guutuu kennan dhibba irraa harka shantama qofa. Kanneen banaa tahaniyyuu, hangina ogeeyyii fayyaa, hanqina dawaa fi meeshaalee eegumsa fayyaatiin rakkataa jiru.

Dubbi-himaan Jaarmayaa Fayyaa Addunyaa – Taarik Jaasarvich akka jedhanitti haalli gaddisiisaan waggoota sadi’iif hawaasaa fi dinagdee Yemen mudate akka biyyattiin dhukkuboota daddabraa akka koleeraa, gifiraa fi busaa dabalatee dhukkuboota lubbuu hedduu fixuun beekamaniif saaxilamtu taasise.

“Amma dhukkubni COVID 19 itti ida’amee jira. Yemen Pooliyoo irraa walaba tahuu ishee eega labsattee booda pooliyoon deebi’ee biyyattii keessatti argamuun kan nama gaddisiisu. Namoota dhukkuboota akka kaanserii, dhukkuba sukkaaraa fi kanneen biroo qabaniif wal’aansi jirus baay’ee murtaawaa dha, jedhu – Jaasaareevichi.

Yemen keessatti lakkoobsi namoota vaayirasii Kornaatiin qabamanii kuma lamaa fi jaatamii shan tahuu kan gabaase – Jaarmayichi Fayyaa Addunyaa, kanneen vaayirasichaan du’an ammoo dhibba jaha akka tahan dubbata. Gabaasaa guutuu caqasaa.

XS
SM
MD
LG