Xurree ittiin seenan

Breaking News

Traampii fi Baayiden Duula Filannoo Kutaalee Filannoon Keessatti Cimu Keessatti Itti Fufaniiru 


Filannoo prezidaantummaa Yunaayitid Isteetisiif guyyaan dhumaa sagalee itti kennan xiqqoon hafee ennaa jiru kanatti kaadhimamtoonni lamaan kutaa Filooridaa kibba gama bahaa qiyyaafata duula filannoo godhatanii jiru.

Bara 1996 qabee kaadhimamaa Filooridaa keessati injifate prezidaantummaa injifataa ture. Kan gamasitti injifate filannoo sana namaa injifate calaluuf kan barbaachisu sagalee 270 keessaa 29 argata. Prezidaant Doonaald Traamp North Carolinatti kan geggeessan duula filannoof utuu hin imalin dura magaalaa Taamatti kan geggeessame hiriira deggersaatiin duula geggeessan eegalu. Itti aanaa prezidaantiin duraanii Joo Baayiden immoo waaree booda konnyaa Broowaard keessatti deggertoota isaaniif ibsa kennuu dhaan galgala immoo gara sirna ofii isaanii Taamaatti qophaa’e irratti argamuuf jiru.

Yaada uummataa ijoo marsariitii oduu siyaasaa kan Real Clear Politics jedhuun walitti qabametti Tramp Mishigaan, Penselvaaniyaa fi Wiskaansen keessatti Baayideniin booda hafaniiru. Florida fi North Carolina keessatti garuu kaadhimamtoonni lamaan hedduu walitti siqanii jiru. Tramp roobii kaleessaa Las Vegas keessatti tuuta ofuuf ibsa kennaniin yaada uummataa ijoo walitti qabame jedhame irraa shakkii qabaachuu ibsanii kutaalee filannoon cimaan keessatti geggeessamu keessatti sagaleen argatan kan xiinxalameen ol ta’uu ibsan.

Sagaleen uummataa biyyoolessaa walitti qabame akka mull’isutti Baayiden Trampiin dhiba irraa harka 7 ykn 8n dursaa jiru. Garuu ba’ii filannoo kanneen murteessan kutaalee ijoo keessaa walakkaa kan ta’u adda addummaa agarsiisee jira.

Lammiiwwan Ameerikaa filannoo prezidaantummaa Kibxata dhuftu geggeessamuuf jiruuf heddumminaan dursanii sagalee kan kennan yoo ta’u dorgomtoonni lamaan keessaa filachuuf fedhii uummataa guddaa fi miira cimaan uumamee jira. Uummata miliyoona 76 ol ta’u hanga kamisa har’aa ganamaatti dursee sgalee kan kenne yoo ta’u kunis sagalee walii gala bara 2016 keessa kennamme kan miliyoona 138.8 ta’u walakkaa dhaa oli.

Baayiden roobii kaleessaa Wilmington, Delaware keessatti sagalee yoo kennan Tramp immoo sambata dhuftu Mana macaafaa West Palm Beach, Florida bakka bashannana isaanii Mar-a-Logo cinatti sagalee kennuuf jiru.

XS
SM
MD
LG