Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ayyaanni Moolidaa Har'a Finfinneetti Kabajame


(suuraa faayilii)
(suuraa faayilii)

Ayyaanni Moolidaa yokaan dhaloota Nabiyyuu Mahammad 1495ffaa magaalaa Finfinneetti bakka hawaasni musiliimaa muraasni argamanitti Masjiida Aniwaaritti kabajaamee jira.

Preezdaantiin Mana-maree Ulaamoota Itiyoophiyaa Muftii Hajii Umar Idriis, kabaja ayyaanichaarratti dhaamsa hordoftoota amantichaaf dabarsaniin Moolidaa kan kabajnu barsiisaa Nabiyyuu Mahammad hojiitti hiikuufi fakkeenyummaa isaanii itti fufsiisuuf jedhan.

Kabaja ayyaana kana irratti itti aantuun kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebees kan argaman yoo tahu dhaamsa baga geessanii dabarsanii jiran.

Caqasaa.

XS
SM
MD
LG