Xurree ittiin seenan

Breaking News

Xayyaarri Waraanaa Mootummaa Naannoo Meqeleetti Rukutamuu Hoogganni Naannichaa Beeksiseera. Mootummaan Immoo Ni Haale 


Milishaa gandaa, Tekeldenyii, Goondar, Sadaasa 8, 2020
Milishaa gandaa, Tekeldenyii, Goondar, Sadaasa 8, 2020

Naannoo magaalaa Meqeleetti dilbata kaleessaa xayyaarri haleellaaf ergame farra xayyaaraatiin rukutamee kufe jechuu dhaan mootummaan naannoo Tigraay beeksisee jira.

Xayyaarri kun waaree dura gara naannoo shanii gara naannoo Meqelee dhufuu isaa waajjirri kominikeeshinii naannoo Sanaa ibsa baaseen beeksiseera. Xayyaarri waraanaa sun fixiinsa sanyiif kan ergame ture jedha ibsichi. Miseensi koree hoji raawwachiistuu IWEHAT Geetaachoo Reddaa xayyaarattiin waraanaa sun kaleessa misaa’ilaan haleelamtee kuftee caccabde jechuu dhaan TV naannoof ibsaniiru. Kaleessaa fi dheengadda Meqelee akkasumas magaalaa Adigrat keessatti haleellaan samii irraan raawwatamu yaalamee ture, yaaliin sunis uummata irratti kan qiyyaafate ture jedhan.

Balaliisaan xayyaara naannoo Meqeleetti rukutamee kufee lubbuun haa jiraatuu fi dhiisuun hin beekamu kan jedhan obbo Geetaachoo Reddaa, lubbuun jiraate yoo ta’e bakka xayyaarri sun itti kufe naannoo Indertaatti barbaachi geggeessamaa jira garuu misaaylaan waan haleelameef carraan irraa ooluu xiqqoo dha jedhan.

Magaalaa Meqelee keessa kaleessa dargaggoonni caccabaa xayyaaraa ti kan jedhan qabatanii dhaadachaa turan. Magaalaa Meqelee kaab gama bahaa naannoo Araaguree jedhamutti xayyaarattiin rukutamtee kufuun ibsameera.

Hoogganaan naannoo Sanaa Dr. Debretsioyon Gebermikaa’el Itiyoopiyaan gara wal waraansa hamaatti akka hin seenne jechuu dhaan gamtaa Afriikaaf waamicha godhaniiru. Dr. Debretsiyoon dura taa’aa gamtaa Afriikaa prezidaantii Afriikaa kibbaa Siriil Ramaafoosaaf xayalaa erganiin kan guddina saffisaan beekamtu Itiyoopiyaan gara diigamuu fi wal waraansaatti deemaa jirti jedhan.

Uummati Tigraay hoogganoota ofii filachuu isaatiin mootummaan Federaalaa mootummaa Eertraa waliin ta’uu dhaan waraanaaf qophaa’aa ture kan jedhan Dr. Debre Tsiyoon xalayaa sanaan yeroo ammaa uummata Tigraay irratti ifatti waraanni labsameera jedhan. Biyyattiin wal waraansatti akka hin seenne gamtaan Afriikaa paartileen siyaasaa dhimmi ilaallatuuf fi waldoota sivikii hirmaachisuu dhaan mariisisuu dha, furmaati isaas marii hunda hirmaachise geggeessuu akka ta’e ibsaniiru jedha Mulugeta Atsbeha Meqelee irraa.

XS
SM
MD
LG