Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humni Qilleensaa Waraana Itoophiyaa Haleellaa Naannoo Maqaleetti Geggeesseen Meeshaa Waraanaa Hedduu Barbadeesse, Jedhu Muummen Ministiraa


Humni qilleensaa waraana Itoophiyaa haleellaa Maqalee fi naannoo ishiitti geggeessen rookeetii fi meeshaalee waraanaa adda addaa naannoo san turan guutumaan guututti barbadeessu muummeen ministiraa Abiyyi Ahimad beeksisan.

Rokeetonni barbadaahan kiloomeetrii 300tti dhukaafamuu kan danda'an tahuus ibsanii haleellaan guyyaa kaleessaa fi harraa itti oolan akka itti fufus eeraniiru. Tarkaanfiin waraanaa kun hoom akka dhaabbatus Muummichi-ministaraa eeranii jiran.

"Yakkamtoonni qeensa buqiisaa, namoota ajjeesaa fi qabeenya hataa turan guuramanii seeratti yeroo dhihaatan; yeroo san waan hunduu raawwata," jedhan.

Qaamolee dhimma marii fi araaraa kaasa jiran ilaalchisees gaafatamanii, yaada kana akka hin fudhanne dubbataniiru. "Tarkaanfin waraanaa ka dhaabbatu yeroo yakkamtoonni seeratti dhihaatan qofa," kan jedhan muummeen ministiraa kun, naannoo haleellaan waraana qilleensa irraan itti geggeeffamu irraa namoonni akka fagaatan hubachiisaniiru.

XS
SM
MD
LG