Xurree ittiin seenan

Breaking News

Joo Baayden Pirezdaantii Yunaaytis Isteets 46ffaa Akka Ta’uuf Jiran Beekkame


Faayilii - Kaadhimamaa pirezdaantummaa paartii Dimookiraatii, Joo baayden, Deleweer, Sadaasa 4, 2020

Itti aanaa pireezdaantii Yunaaytid Isteets duraanii fi siyaasa Waashingitan keessatti oggoota 47 oolif hojjaachaa an turan, Joo Baayden pirezdaantii Ameerikaa 46ffa ta’uuf jiran. Ammajjii 20 dhufu, kakataanii angoo hoo fudhataan pireezdaantii Ameerikaa uumuriin guddicha ta’uuf jiru.

Baayden deemookiratti oggoota 36 seneetii Ameerikaa keessatti, oggoota 8 - bara pirezdaant Baarak Obaamaa pirezdaatii turan - itti aanaa isaa ta’anii tajaajilaniiru.

Wal dorgommii cimaa filannoo baranaaf geggeeffame, akkasumas lakkoofsa sagalee filannoo guyyoota fudhate booda, pirezdaant Traamp moo’atan, Baayden. Bahiin filannoo kanaa reefu seeran in raggaasifamne. Dhimmichi mana murtii hoo gahe jijjirramuu mala. Ta’ullee Baayden moo’un isaani waan in oole ta’uutu himama.

Yaadawwan Ilaali (6)

XS
SM
MD
LG