Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baayden Pensilveeniyaa fi Joorjiyaa Keessatti Dursaa Jiru


Kaadhimamaan pirezdaantummaa paartii Demookiraatii Joo Baayden filannoo moohutti siiqaa jiran. Bakkawwaan duran pirezdaant Traamp sagalee caalmaa itti argatan keessatti akkuma lakkoofsi kaardii sagalee itti fufee baheen Traamp sigigaachaa jira.

Hamma ammaatti Baayden Sagalee Gurmuu Bakka Buutotaa (Electoral Votes) akkasumas sagalee filannoo walii galaatiin dursaa jiru. Kutaalee bahiin filannoo ammallee itti lakkaawamaa jiru afur - Arizoonaa, Nevaadaa, Peensilveeniyaa fi Joorjiyaa kessatti Baayden sagalee calmaa argachaa jiran.

XS
SM
MD
LG