Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haala Tigraay Keessaa Hordofuuf Tajaajiilli Bilbilaa fi Intarnetti Banamuu Qaba:Amnestii Int.


Mootummaan Itiyoophiyaa waraana erguuf murteessuun gam lameen giddutti muddamsii hammaachuu qofa kan agarsisuu miti kan jedhu gareen miraga dhala namaaf falmuu Amneestii Intarnaashinaal lubbuun nama hedduu balaaf saaxilamuu fi kabajamuun mirga dhala namaa kan Itiyoophiyaa keessaa akka gad bu'u sodaa uumeera jedha.

Jaarmayichaaf kutaalee Afrikaa bahaa fi gama kibbaaf daayreekteera kan ta'an Beeproos Mucheenaa akka jedhanti angawoonni Itiyoophiyaa kan Fedeeraalaas ta'e bulchiinsa naannoolee seerri kabajamuu mirga dhala namaa kan addunyaa bulchiinsa naannoo Tigraay keessatti kabajamuu akka jiru mirkaneessuu qabu.

Kana malees jireenya uummataaf eegumsii godhamuu mirkaneessuu qabu jedhanii haallii lubbuuf sodaachisu hin jiru taanaan humna hammaa ba'e gargaaramuun daangeeffamuu qaba jedha Amnastiin.

Tigraay keessatti addaan kan citee tajaajilli bilbilaa fi Intarneettii aangawoonni akka iddotti deebisan kan gaafatee Amnestiin kunis uummanni walii isaa akka wal qunnamuu kana malees mirga yaada ofii walaba ta'e ibsachuuf qabu bu'uura kan godhate jedhee jira.

Tajaajiilli bilbilaa fi Intarnettii jiraachuun gama kaaniin haala kabajamuu mirga dhala namaa Tigraay keessaa faan bu'uuf nu gargaara jechuun gareen mirga dhala namaaf falmu Amneestii Intarnaashinaal hubachisee jira.

XS
SM
MD
LG