Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Naannoo Tigraay Mootummaan Federaalaa Meqelee Irratti Xayyaaraan Haleellaa Raawwate Jedhe


Ministeerri Ittisa Itiyoopiyaa Ibsa Kennee Jira

Ibsi hara ministrii ittisaa itiyoopiyaan kenname wal dhibdeen mootummaa fi IWEHAT gidduu jiru erga jalqabamee booda isa jalqabaa ti. Ibsa kana kan kennan itti aanaa waraana walii gala jeneral Biraanuu Juulaa Kibxata galgalaa qabee waan uumame tuuta oduuf ibsaniiru.

Mootummaan Naannoo Tigraay Mootummaan Federaalaa Meqelee Irratti Xayyaaraan Haleellaa Raawwate Jedhe
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:40 0:00

Hanga kibxata galgala sa’a 4tti biyyi keenya sochii idilee keessa oolte. Galgala sa’a afur irratti raayyaan waraana biyyaa keenya kan murna gama kaabaa haleellaa hin eegamnetu irra ga’e. weerara kana kan raawwate humna alaa miti. Ykn immoo hidhatee shiftaa ta’e kan mootummaa lolu miti.

Qaamuma mootummaa keenyaa kan ta’e mootummaa naannoo Tigraay, raayyaan ittisa biyyaa isa eegaa kan jiruuf waraanichi mootummaa koo ti kan ittiin jedhu uummatis mootummaa koo ti kan itiiin jedhu keessa kanneen jiran humnoota finxaaleyyii murtaa’oon of ijaaraa erga turanii booda adda addummaa siyaasaa ni hiiku jedhamee utuu eegamaa jiru waggoota 20n darbaniif uummata Tigraay fi maootummaa naannoo dabalatee waraana eegaa ture irratti haleellaa raawwate.

Gama biaan naannoo Tigraay keessa kan ture meeshaa waraanaa mara to’annaa jala oolchinee jirra jechuu dhaan itti aanaa prezidaantiin mootummaa naannoo Tigray Dr. Debretsiyoon G/mikaa’il ibsaniiru. Itti dablauu dhaanis karaa nagaa barbaanna, garuu waraanni barbaachisnaan weerara nutti dhufu dura dhaabachuu dandeenya jedhan.

Naannoo magaalaa Meqeleetti mootummaan federaalaa xayyaaraan haleellaa raawwate jechuu dhaan mootummaan naannoo sanaa beeksisee jira. Mootummaan naannoo Tigraay galgala kana ibsa baaseen xayyaara mootummaa federaalaan ergametu haleellaa raawwate jedhee jira. Kunis sirni amma jiru farra uummataa ta’uu kan mul’isu jedhee haleellaa sanaan miidhaan dhaqqabe garuu hin ibsamne.

Gama kaaniin ajajaan humna qilleensaa Itiyoophiyaa Jeneraal Yilmaa Dheereessa gaafatamanii amma hojii sadarkaa olaanaa irra waan jirruuf mirkaniin laannuu hin jiru jedhanii jiran.

Sagaleen xayyaara waraanaa guddaan naannoo sa’a sagalii magaalaa Meqelee keessaa dhaga’amuu Mulugeta Atsbahaa gabaaseera.

Xiinxaltoonni siyaasaa, tarkaanfin Abiy naannoo Tigraay waliin walitti bu’iinsa yeroo dheeraa dhaqqabsiisuu mala yaaddoo jedhu qabaachuu isaan. Dhaaba rakkoo naannoo addunyaa keessaa qoratu ICGtti xiinxala dhimmi Itiyoopiyaa kan ta’an Will Davison app ergaa dabarsuun VOAf ibsaniiru.

XS
SM
MD
LG