Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abboonni Irree Abiyyii fi Isaayyaas Lola Uummata Tigraay Irratti Bananiin Loltoonni Isaanii 10,000 Booji’aaniiru: Televiziyoona Tigraay 


Miseensota human addaa naannoo Amaaraa, Danaashaa, Naannoo daangaa naannoo Amaaraa fi Tigraay, Sadaasa 9, 2020

Abboonni irree Abiyyii fi Isaayyaas adda waraanaa maraan uummata Tigraay irratti waraansa bananiin hagna ammaatti loltoonni sirna kanaa kuma 10 ta’an booji’amuu isaanii fi kanneen booji’aman keessa immoo loltoonni Isaayyaas jiraachuu akkasumas meeshaa waraanni itti gargaaramaa ture meeshaan waraanaa booji’amuu madden ibsan jechuu dhaan Televiiziyoonni Tigraay beeksisee jira.

Abbaa irree kan ta’e Abiy Ahimediin abbaa irree Isaayaasiif kennamee to’annaa loltoota saabiyaa jala kanneen turan laffti Tigraay haleellaa humnaatiin deebisamuun tuqameera jedha TV Tigraay Adda waraanaa maratti injifatamuu guddaa kan haguuggate Abiy Ahimed uummati Tigraay ibsaa akka hin gargaaramne humna madda ibsaa Tekezee qilleensa irraan haleeluu dhaan magaalaaleen Tigraay dukkana keessa akka turan gochuu dhaan hojii diinummaa hammaa ba’aa hojjete jedhee jira jechuu dhaan Televiziyoonni Tigraay gabaaseera.

Yaadawwan Ilaali (39)

XS
SM
MD
LG