Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kan Prezidaantummaaf Ameerikaaf Filataman Joo Baayiden Gorsaa Isaanii Yeroo Dheeraa Hoogganaa Bulchiinsa Waayit Haawus Gochuun Muudan 


Roon Klayin fi Joo Baayiden (suuraa faayilii)
Roon Klayin fi Joo Baayiden (suuraa faayilii)

Kan prezidaantummaa Yunaayitid Isteetisiif filataman Joo Baayiden gorsaa ofii isaanii kan yero dheeraa Roon Klayin hoogganaa bulchiisa hojii White House gochuun muudan.

Klain ennaa bulchiinsa Baraak Obaamaa hoogganaa hojjettootaa kan ittiaa aanaa prezidaantii Baayiden ta’uun kan hojjetan yoo ta’u dhibee Eboolaa bara 2014 keessa ka’ee tureef deebii gama Yunaayitid Isteetis akka qindeessan Obamaan nama itti gaafatama kennaniif turan.

Baayiden kaleessa ibsa kennaniin ilaalcha siyaasa adda addaa waliin muuxannoo fi dandeettii guddaa isaan nama mara waliin hojjechuuf qaban bulchiinsa hojii White House keessatti kan ani barbaadu jedhan. Klain aangoo haaraa kanaan kabajaa jireenya guutuu ti jedhan.

Baayiden Amajjii 20 ennaa hirbuu seenan hooggana mootummaa Ameerikaa fudhachuuf karoorsaa ennaa jiran kanatti gorsitoota yeroo ce’umsaa kan ofii kanneen ennaa bulchiinsichi hojii jalqabu rakkoolee mudatan keessa beekan waliin mari’achuu jalqabaniiru.

Prezidaant Doonaald Tramp injifatamuu isaanii kan hin simanne yoo ta’u ba’ii filannoo kutaalee falmisiisoo ta’an irraa argame ilaalchisee himannaa dhiyeessaniiru.

XS
SM
MD
LG